Hojjattooni UN 16 Itoophiyaatti Hidhamaan: UN

Onkololleessa 29: Yeroo Finfinnee

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii hojjettoonni kiyya kudha jahaafi maatiin isaanii Finfinneetti hidhaman jechuun gaafa Kibxataa dubbatuun isaa gabaafame. Qondaaltonni nageenyaa UN kanneen hidhaman mana hidhaatti dhaqanii akka dubbisaani fi akka hiikaman Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa akka gaafataan Rooyitars gabaaseera.

”Akka saffisaan hiikamaniif mootummaa Itoophiyaa waliin hojjetaa jirra,” jechuun Dubbii Himaan UN Siteefan Dujaarik dubbatuu Rooyitars himeera. Rooyitars kan Dubbii Himaa UN eerun gabaase immoo kanneen hidhaman 16 ta’u ibse, waa’ee eenyummaa isaanii garuu waan hime hin qabu.

Dhimmi hidhaa hojjettootaa kuni yeroo UN fi AU akkasumas dhaabileen kaan waraana Itoophiyaa keessaa mariin furuuf sochii taasisaa jiranitti dhagahame. Itoophiyaan lola Kaaba Itoophiyaatti hammaachaa dhufe hordofee labsii yeroo muddamaa baatilee jahaaf turu torban darbe labsiteetti.

Baatii muraasa dura Itoophiyaan qondaaltota olaanoo UN torba ”gochaawwan walabummaa biyyaa cabsaniifi yaaddoo nageenya biyyaalessaa ta’an” raawwataniiru jechuun himatte ariteetti. Murtee Itoophiyaa kana UN fi biyyoonni Lixaa cimsanii balaaleeffatanii turan. Ta’us, Itoophiyaan murtii ofiin akka itti fuftu ibsite. bbc

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *