Humni Naannoo Amaaraa ammas Raayyaa fi Wolqaayit gad-lakkisee hin baane

Finfinnee,Ammajjii 28/2013 ( Yeroo )

Caasaan nageenyaa Naannoo Amaaraa carraa duula mootummaan federaalaa Naannoo Tigraayitti seeran kabachiisa jedhee taasisetti fayyadamuun Raayyaa fi Woliqaayit-Tsagadee maqaa ristii deeffanna jedhuun bifa weeraraatiin qabatee jiraachuun isaa ni beekama.

Haata’uutii malee,Manni Marii Federeshiinii fi Koreen Hoji-raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa kaayyoon duula naannichatti taasifamee seera kabachiisuuf malee maqaa ristii jedhuun Raayyaa fi Woliqaayit-Tsahadee gara Naannoo Amaaraatti deebisuu akka hin taane himuun humni addaa fi caasaan hooggansa Naannoo Amaaraa naannicha gadi-lakkisanii akka bahan akeekkachiisuun isaanii ni yaadatama.

Kunis ta’ee garuu hanga har’aas jarri kun naannicha gadi-lakkisanii hin baane.Inumaayyuu namoota isaaniin caasaasaanii hanga gandaatti diriirfatanii hojjachuurratti akka argaman qondaalli olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay maqaan kiyya hin eeramin jedhan tokko Yeroo Miidiyatti himaniiru.

Hawaasni magaalotaa fi aanaalee Tigraay hedduun yeroo ammaa namoota ofiisaanii filataniin geggeeffamaa jiraachuu kan dubbatan qondaaltichi ‘’Uummatni Raayyaa fi Woliqaayit-Tsagadee garuu carraadhuma kanas dhoorgatamee namoota Naannoo Amaaraa irraa kallattiin dhufaniifi xin-sammuu hawaasichaa hin beekneen dirqamaan geggeeffamuurratti argama’’ jedhaniiru.

Sababa kanaanis Hoggansi Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayiifi uummatni naannichaa komii hamaa keessa akka jiranis qondaaltichi hubachiisaaniiru.

Naannichatti nageenyi waaraa akka bu’uuf mootummaan federaalaa jara kana hatattamaan guutumaan guututti daangaa Naannoo Tigraay gad-lakkisiisuu akka qabus qondaaltichi akeekkachiisaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *