Godina addaa Oromoo Naannoo Amaaraatti, loltoonni ABUT Deegartoota WBO Baay’ee Ajjeesuun Himame

G. Biqilaatiin

Looltoonni WBO-Shanee 50 ol ta’an looltoota ABUTiitiin godina addaa saba Oromoo naannoo Amaaraatti ji’a Muddee keessa bobbaasaniin ajjeefamuu maddeen miidiyaa Yerootti himan.

Ajjeechaan kun Baatii, Kamisee fi magaalota godina addaa Oromoo biroo keessatti ta’e; dabalataanis magaalota akka Liyyuu Hayk fi magaalota Walloo biroo naannoo Amaaraa keessatti ta’eera. Lolli WBO-Shene fi ABUT gidduutti ta’e erga ABUTiin godina Oromoo saamuu itti fuftee fi qabeenya saamame gara kaabaa, gara Tigraayitti fe’uu eegalteen boodaa dha jedhan.

Erga Geetaachoo Raddaa fi hoggantoonni Tigraay Kamiseetti ABUTiin injifachuu isaanii labsaniin booda, ABUT fi WBO gidduutti wal-qeequun guddachaa ture. Garuu loltoonni WBO osoo ABUTiin hin galin Kamiseetti injifanne jedhu.

Walakkeessa ji’a Sadaasaa keessa jiraattonni Oromoo Kamisee fi Axaayee, WBO’n ABUT gara magaalaatti seensisee akka isaan samachiise himatan; akkasumas ABUTiin manneen daldalaa Oromoo gubuu fi qabeenya Oromoo akka saames himan. Sababa waliigaltee ABUT-WBO walitti makamaniif, loltoonni WBO akka loltoota ABUT qabeenya Oromoo saamuu fi ajjeechaa lammiilee Oromoo irraa hin dhaabne.

Garuu dhuma ji’a Sadaasaatti, waraanni Itoophiyaa Abiy Ahmediin durfamu waraana ABUT Baatiitti injifachuu yoo eegalu, wol-qeeqiinsi ABUT fi WBO-shanee gidduu jiru guddachaa dhufe. Yeroo ammaa ABUTiin WBO-Shane gattee deemuun ajandaa ishee inni guddaan qabeenya saamame godina Oromoo keessaa baasuu fi saffisaan gara Tigraayiitti fe’uu dha.

Akka OBS gabaasetti, ji’a Muddee jalqabarraa kaasee jiraattonni fi qonnaan bultoonni godina addaa Oromoo hedduun mootummaan Itoophiyaa deeggaranii godinicha ABUT jalaa bilisa baasan. Onkololeessa keessa mootummaan naannoo Amaaraa magaalaa Baahir Daaritti qonnaan bultoota Oromoof meeshaa waraanaa dabalataa kennee ABUT fi Sheneeniin akka lWBOniif ajaje. Kanaan duras dabballoonni Amaaraa Baahir Daar jiraatan mootummaan naannoo Amaaraa Oromoo godina addaa Oromoo akka isaan Shanee ofirraa dhorkataniif jechuun himatuun isaanii  ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *