Labsii yeroo sochii daangessu mootummaan naannoo Oromiyaa labse

Sadasaa 7: Yeroo Finfinnee

Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala nageenyaa amma jiruun walqabatee ‘humna miidhaa geessisu to’achuuf’ labsii yeroo sochii daangessu labsuu isaa beeksisera. Labsii kanaan Naannoo Oromiyaa guutuutti galgala sa’aa lamaa hanga halkan sa’aa 11:30 sochiin kamuu akka daangeffame himamera.

Sochiin namaa barii sa’aa 11:30 hanga galgala sa’aatii sadiitti, kan konkolaataa ammoo hanga galgala sa’aa lamaatti qofa akkaa ta’uu murta’eera. Sa’aatii kaahame kana keessatti sakattaan daandiirratti ni jiraata. Iddoon sochiin sakatta’amu ni jiraata. Iddoon dhaabbiin sakatta’amus akkaa jiratuu himameera.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti erga dhalatee waggaan tokko darbe naannolee Amaaraafi Affaar keessattis babal’achuu fi gara gidduugala biyyattis siiqaa jiraachuun walqabatee, mootummaan federaalaa labsii yeroo muddamaa ji’oota jahaaf turu labseera. Labsii akka biyyaatti labsame kana naannoleen haala qabatamaa isaaniin walsimsiisanii labsiiwwan adda addaa to’annoo nageenyaaf gargaaran labsaa jiru.

Izziin hojiirra olmaa labsii yeroo muddamaa, galmee meeshaalee waraanaan dabalataan guyyoota dura namootni mana kireessan eenyummaa kireeffattoota isaanii akka galmeessisan qajeelfamni kan bahe yeroo ta’u, Mootummaan Naannoo Oromiyaas labsii yeroo sochii dhorkuun dabalataan kireessitootni kireeffattoota isaanii akka galmeessisan gaafateera.

Labsii mootummaan labse kana hordofee qaamoleen nageenyaa mirga namoota nagaa akka hin sarbine eeggannoon akka godhamuufi kanaafis qajeelfamni qaamolee nageenya eegsisaniif dabarfamee akka jiru himaniiru. ”Qaamni kamuu sababa gahaa hin taaneen, karaa seera-qabeessa hin taaneen, maqaa labsii kanaan miidhaa geessisu qaama seeraas yoo ta’e; seera duratti itti gaafatama kan hordofsiisu ta’uun labsii kana keessatti barreeffameera.'” Fanabc

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *