Waraanni atattamaan akka dhaabatuu Manni Maree Nageeynaa UN

Onkololeessa 26: Yeroo Finfinnee

Waraana Tigiraay: Manni Maree Nageenyaa UN, Itoophiyaatti ‘waraanni atattamaan akka dhaabatu’ waamicha godhe

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii marii gaggeesseen sagalee tokkoon waraanni Itoophiyaa keessa jiru atattamaan akka dhaabbatuufi waliigalteen dhukaasa dhaabuu waaraana akka raawwatamu gaafate.

Waliigahi Jimaataa kanas Aayarlaandi, Keeniyaa, Niijer, Tuniiziyaa, Seent Viinsant fi Za Giriinaadiins biyyoota manni marichaa walgahee dhimma waraana Itoophiyaa irratti akka mari’atu gaafatan. Miseensonni mana maree kanaa waraannichi hammaachaa deemuutti yaaddahuu ibsi manni marichaa baase ni hubachiisa.

Ibsi mana maree nageenyaa akka jedhutti miseensonni seeronni namoomaa idila addunyaa akka kabajaman, deeggarsi danqaa malee akka dhiyaatu, bulchiinsi uummata akka deebi’u fi deeggarsi namoomaa akka cimu gaafataniiru.

”Itti dabaluunis waraanni dhaabatee waliigalteen dhukaasa dhaabuu waaraan akka waliigalamuufi mariin biyyaalessaa biyyattii keessatti nageenyifi tasgabbiif bu’uura kaahu akka eegalamu waamicha godhaniiru.”

Miseensonni mana marichaa yaalii Gamtaan Afrikaafi qaamoleen biroon naannicha waraana kanaaf fala gochuuf tattaaffii godhan akka deeggaran ibsaniiru. Itti dabaluunis miseensonni ”walabummaa biyyaa fi siyaasaa, akkasumas tokkummaa Itoophiyaa kabajuu irratti murannoo qaban ibsaniiru.

Manni marichaa dhimma waraana Itoophiyaarratti ibsa waloo ji’oota jaha dura erga baasee hanga ammaa baasuu kan hin dandeenyeef biyyoota shan aangoo ‘Veto power’ qaban keessaa Raashiyaafi Chaayinaan ”dhimma keessaa Itoophiyaa keessa hin gallu” jechuun isaaniitiini.

Erga waraanni Itoophiyaa eegalamee Manni Maree Nageenyaa UN ibsa waloo yeroo baasu kun isa lammataati. Manni Marichaa wixinee ibsa waloof fudhatama kenne malee mariin banaan Jimaatatti gaggeessuuf karoorfamee ture gara Wiixataatti dabarfameera. Manni marichadhimma waraana Itoophiyaarratti amma dura yeroo kudhan mariyateera.

Manni Maree Nageenyaa dhimma Itoophiyaarratti irra deddeebiin marii kan gaggeesse ta’us miseensonni mana marichaa aangoo guddoo qaban gidduutti ejjannoon walfakkaataan waan hin turreef ibsa waloollee baasuun hin danda’amne ture.

”Miseensonni Mana Maree Nageenyaa haasaawwan jibbinsaa hamoo ta’aniifi jeequmsaafi walqoodinsa uuman irra hunduu akka of qusatu gaafataniiru.” ”Hanguma waraanni kun itti fufeen, daandiin gara nagaatti dhufuu ulfaataa deemas” jedhan. bbc

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *