Jawaarfaan kana booda mana murtiitti akka hin dhiyaanne murteessuusaanii beeksisan.

Finfinnee,Caamsaa,18/2013 ( Yeroo ) :-

Har’aa kaasee fedhii isaaniitiin mana murtiitti dhiyaachuu dhiisuuf murteessuusaanii  Jawaar Mahaammadiifi worreen galmee isaa jalatti himataman hubachiisaniiru.

Jawaar Mahaammad fi himatamtoonni galmee isaan waamamu keessatti tarreeffaman 24 guyyaa har’aa mana murtii olaanaa Federaalaa dhaddacha Lidataatti dhiyaatanii turan.

Woytuma kanas kanaan booda fedhii isaaniitiin mana murtiitti deddeebi’uu dhiisuuf murteessuusaanii barreeffamaan mana murtichaaf dhiyeeffataniiru.

Dhaddachicha irratti haasaa kan taasise Jawaar Mahaammad,fakkeenya qabatamaa kaasuun murtiin manni murtii dabarsu raawwatamaa akka hin jirre dubbateera.

Itti dabalees,” Nuti asi kan dhufneef yoo nurratti murtaaye adabamuuf,yoo bilisa jedhamne ammoo bayuuf ture.Kun lachuu ta’aa waan hin jirreef har’aa kaasee fedhii keenyaan mana murtiitti dhiyaachuu dhiisuuf murteessineerra.”,jechuun yaadasaa kenneera.

Obbo Baqqalaa Garbaa gama isaaniitiin,”Yoo dirqiin harkifamnee ykn tumamnee dhufne malee kana booda gara mana murtii kanatti hin dhufnu “,jechuun yaada Jawaar deeggaruun dubbataniiru.

Ummatni Tigraay ajjeechaa fi sarba mirga namoomaa naannoosaaniitti raawwatamaa jiru mormuuf adamaa beelaa irra jiraachuu kan hubachiise Jawaar,isaanis yaadicha deeggaruun guyyoota lamaaf nyaataa kan hin nyaanne ta’uus mana murtichaatti dubbateera.

Oolmaa Mana Murtichaa namoota dhaddachicha hordofanii fi Ethiopian Insider irraa odeeffanne

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *