Qaamoleen garaagaraa ajjeechaa tibba kana Godina Wollagga Lixaa aanaa Gullisootti lammiilee nagaayaarratti raawwatame balaaleffatan

Qaamoleen garaagaraa ajjeechaa tibba kana Godina Wollagga Lixaa aanaa Gullisootti lammiilee nagaayaarratti raawwatame balaaleffatan

Yeroo – Onkololeessa,24/2013


Muummee Minstiraa Abiyyi Ahmad fi ittaanaasaanii Obbo Dammaqaa Mokonin dabalatee angaawonni mootummaa hedduun akkanumallee namoonni bebbeekamoon ajjeechaa tibba kana Lixa Wollaggaa aanaa Gullisootti qaama yeroodhaaf eenyummaan isaa hin beekamneen lammiilee nagayaarratti raawwatame balaaleffatanii jiru.

Muummeen Minstiraa Abiyyi Ahmad ergaa dabarsaniin qaamolee kanniin irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuus himan.

Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haleellaa kana kan raawwatan Adda Bilisa Baasaa Tigraay(TPLF) fi ABO Shaneedha jechuun isaanii ni yaadatama.

Yeroo Median namoota tarkaanfii gara jabinaa kanaan lubbuusaanii dhabaniif gadda itti dhagahame ibsaa maatii,firootaafi hiriyyoota worreen ajjeefamaniitiif jajjabina hawwa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *