KFOn marii biyyaalessaaf haalduree ka’ee

Onkololleessa 16: Yeroo Finfinnee

Mootummaan Itoophiyaa yeroo dhihootti mariin biyyaalessaa ni taasifama jechuun ibseera. Kongaransiin Federaalawaa Oromoo (KFO)n ibsa baaseen ammo rakkoo siyaasaa biyyattiin amma keessa jirtuuf mariin biyyoolessaa ‘haqa qabeessaa, dhugaafi hunda hirmaachise’ qofatu furmaata jedhera.

KFO’n ibsa baasen waggoota sadan darbanis ta’e sana dura, ‘rakkon siyaasaa’ Itoophiyaa yeroo kamuu caalaa hundee gadi fageeffateefi hammaachaa dhufe furuuf mariin biyyaalessaa hunda hirmaachise akka taasifamuu gaafachaa turuu ibseera. Ta’us, waamichi inni irra deddeebiin taasisaa ture garuu dhageettii dhabee hafe jedha.

Miseensonni isa jalaa hidhamanii waajjiraaleen isaa jalaa cufamuu himachuun filannoon dimokiraatawaafi hirmaachisaa miti jechuun Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaan ji’a Waxabajjii gaggeeffamerratti qooda kan hin fudhanne KFOn, marii biyyoolessaa taasisuuf haaldureen murteessoo ta’an guutamuu qabu jedhera.

Haaldureewwan dhaabichi gaafate keessaa tokkofaan waraanni ‘seera kabachiisuu’ jedhuun eegalee amma gara ‘dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuu biyyaaf’ jechuutti cehe hataattamaan dhaabbatuu qaba. 

Haaldureen lammataa marichi qaamota hawwaasa idil-addunyaatiin beekamtiifi deeggarsi kennameefiin, akkasumas bilisaafi amanamoo ta’anii garee kamiifu hin loogne, kanneen hunda biratti fudhatama qabaniin hoogganamuu qaba.

Haalduree sadaffaa Gartuun hidhannoodhaan socho’an marii biyyoolessaa kana keessatti hirmaatuu, inni afraffaa ammoo ”hidhamtoonni siyaasaa” hundi hiikamanii hirmaattota marii kanaa akka tahan KFO’n gaafateera.

Dura Taa’aa Itti-aanaan KFO Obbo Mulaatuu Gammachuu “Mariidhaan yoo ta’e malee ajjeesuudhaan, hidhuudhaan, gabbarsiisuudhaan falli dhufu hin jiru; kana waggaa dheeraa irra turreerra. Biyyattiin qawweedhaan uumamte, ammas qawweedhaan fala fidna jechuun hin danda’amu,” jedhan.

Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee haasaa hundeeffama manneen marii lamaanii irratti tasisaniin rakkooleen tokkummaa ummattoota Itoophiyaa miidhaa jiran marii biyyoolessaatiin furamuu qabu jedhanii ture.

“Mariin biyyoolessaa nuti hawwinu akka ta’uuf garaa bal’achuun, wal amanuun, mari’achuun, tokkummaa qabaachuun, akkasumas aadaa marii keenya guddisuu nurra jiraata. Karaa biraan ammoo haqaafi itti gaafatamummaan jiraachuu qaba. Kanneen miidhaman kiisamuu qabu,” jedhani turan.

Biyyattii keessatti mariin biyyoolessaa hunda hirmaachiseefi rakkoo biyyattii furu akka ta’uuf lammiileen biyyattii hundi tumsaa fi deeggarsa jabaa akka godhuufis waamicha dhiheessanii turan.

Maddii: BBC afaan oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *