Hidhaa manaa MM Suudaan Abdallaa Hamdook

Onkololleesa 15: Yeroo Finfinnee

Sudaanitti yaaliin fonqolcha mootummaa gaggeeffamuun hin oolu gabaasaaleen jedhan bahaa jiru. Loltoonni hidhatan hedduun miseensota mootummaa ce’umsaa mana mana isaanii keessatti akka hidhaman gabaasaaleen magaalaa Kaartum kessa bahan ni mul’isu.

Wiixataa bari’uu dura yoo xiqqaate miseensonni kaabinee afur loltoota hin beekamneen hidhamaniiru. Gabaasni tokko Ministirri Muummee Sivilii Sudaan Abdallaa Hamdook hidhamaniiru jedhus garuu hin mirkanoofne.

Eenyu hidhaa akka raawwate hin baramne. Waraanni biyyattii dhimma kana irrattis waan dubbate hin qabu. Gabaasaaleen intarneetnii magaalaa guddoo Sudaan Kaartumitti cufamuu himanis suuraaleen miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman mormitoonni aarii qaban yeroo daandiirra gommaa guban agarsiisu.

Bakka buutonii sivilii fi waraanna erga Pirezidant Omar al-Bashir bara 2019 aangoorraa kaafamanii booda aangoo walii qooddataa turan. Haa ta’u malee, fonqolchi garee al-Bashiir deeggarutu raawwate jedhame baatii Fulbaanaa keessa erga fashalaa’ee booda hariiroon isaan gidduu jiru hammaate.

Baatii kana keessatti mormitoonni mootummaa ce’umsaa Sudaan magaalaa Kaartumitti bahuun waraanni biyyatti akka to’atu waamicha dhiheessaan. Gaafa Kamisaa immoo namoonni kuma hedduun lakkaa’aman magaalaa Kaartumitti daanditti bahuun bulchiinsa sivilii Sudaan deeggaran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *