Mootumman Itoophiyaa dhaabbilee deeggarsa namoomaa sadii ji’a sadiif hojiirraa dhorke

Adooleessa 28: Yeroo Finfinnee

Dhaabileen kuunen ‘ergama dhaabbataniif ala socho’an’ sababa jedhuun ugguramu issanii ibsaame jirra.

Dhaabbileen Medecins Sans Frontieres damee Holaand, NRC (Norwegian Refugee Council), akkasumas AL Maktoume Foundation Kaaba Itoophiyaa bakka lolli jiruufi bakkeewwan biyyattii keesatti deeggarsa namoomaa kennaa kan turanidha.

Gama kaaniin, Hogganaan Olaanaa deeggarsa namoomaa UN Maartiin Giriifiitis hojjettoonni deeggarsa namoomaa UN hidhattoota ABUT hidhachiisaa jiru himannaan jedhu ”hamaadha” jedhaniiru.

Qondaalli UN Itoophiyaa daawwataa jiran kuni himannaa qondaaltonni Itoophiyaa dhaabbileen deeggarsaa hidhattoota ABUT  hidhachiisaa jiru isa jedhaniif deebii kennuu himan.

MSF ibsa baasen baatii sadiif akka dhorkame waraqaan ibsu bira gahuu ibseera. ”Maaliif akka dhorkameefi odeeffannoo dabalataa argachuuf gaafataa jirra,” jechuun ibsa baaseen hime. Dhaabbanni NRC ammo ajajni walfakkaataa isa bira gahuufi kanas ”qondaaltota waliin mari’ataa jiraachuu” BBC’f ibseera.

Kana dura qondaalli Itoophiyaa dhaabbilee deeggarsaa seera hin kabajne jedhan irratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatuu malu akeekanii turan. Qorannoon waliigalaa taasifamee murteen hanga itti kennamutti sochiin dhaabbilee kanaa ji’a sadiif dhorkamuu Eejansiin Dhaabbilee Waldaalee Sivikii Itoophiyaa ibsuu qaamni odeeffannoo qulqulleessuuf hundaa’e ‘Fact Check’ ibseera.

Gama kaaniin Naannoo Amaaraa keessaa namoonni 200,000 ol buqqa’u Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii himeera. Dabalataan, naannoo Afaar keessaa namoonni 54,000 qe’eerraa buqqa’uu dubbatan.

Odeeffannoowan “Ethiopian Current Issue Fact check” fi BBC Irraa arggane.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *