MM Abiy waraana Kaaba Itoophiyaarratti ibsa akka kennan gaafataman

Onkololleessa 17: Yeroo Finfinnee

Ministirri Muummee Abiyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dihiyaachuun dhimma waraana Kaaba Itoophiyaarratti ibsa akka kennan miseensonni paartii EZEMA mana maree bakka bu’oota ummataa gaafatan. Waraana ganna tokko lakkoofsisuutti dhiyaate turtii yeroo hangamii keessatti golabuun lammileen gara jiruu idileetti deebisuuf karoora qaban kan gaafatan miseensota paartichaa afuridha.

Waraanni biyyatti balaaf saaxileera jechuun, waraana dhaabuufi namoota sababii kanaan miidhaman deebisanii akka bayyanatan gochuuf mootummaan maal akka hojjataa jiru Ministirri Muummee akka ibsan xalayaa barreessuun gaafataniiru. Miseensonni mana marichaa kunneen mootummaan loltoota naannoo Tigraayi erga baase as lolli naannolee ollaatti bal’ateera, ‘’Tigiraayitti lammileen nagaa dhabuun dabalatee Amaaraafi Affaaritti lammiileen akka du’anii, buqqa’aniifi bu’uuraaleen misoomaa akka manca’uuf ka’umsa ta’e’’ jedhan.

Xalayaa barreessan kana keessatti uummanni ‘’ABBUT sodaa uume mootummaan ni qolata,’’ jedhanii akka amanan kaasan. Haa ta’uu male ABBUT miidhaafi badiin qaqqabsiisu dabalaa jira malee hir’ata akka hin jirre ibsuun, waraanni Walloo Kaabarraa gara Kibbaatti babal’achuun miidhaa dhaqqabsiisaa jira jedhan.

Jimaata darbe Waajira Afyaa’ii paarlaamaatti xalayaa kan galchan kessaa tokko kan ta’an Dr Abiraaham akka jedhanitti, xalayichi miidhaa waraanni qaqqabsiise waraanichaafi, dhimmoota ittaanurratti xiyyeeffata jedhan. Miseensonni IZEMA xalayaa barreessan afur ta’anis miseensota mana maree kaan waliin mari’achuu isaaniifi dhimmichi dafee akka ilaalamuu qabu himan.

Adeemsa kana keessatti hawaasa, paartilee mormitootarra waanta eegamuufi odeeffannoo dhimma waraanarratti ittifufinsaan kennamu, fala waaraa waraana kanaafi waraanni deebi’ee akka hin uumamne ofeeggannoo mootummaan godhurratti Ministirri Muummee ibsa akka kennan gaafatan. Dr Abiraaham waayillan isaanii wajjiin gaaffiin dhiyeessan dambii Mana Maree kan eeggate waan ta’eef torban kana ykn torban ittaanu deebii argata jedhanii akka eegan himaniiru.

Maddi:AS

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *