Hiidhaatoni ABBUT magaalaa Laallibalaa to’atan

Adoolessa 29: Yeroo Fiinfinne

Kantiibaa Itti Aanaan magaalaa Laallibalaa Obbo Maandafroo Taaddasaa, finciltoonni TPLF Kamisa guyyaa keessaa naannoo sa’atii torbaatti, ”karaa fulaa Gannat maariyam jedhamuun beekamuun gara magaalattii seenaniiru,” jechuun BBCn Gabbaaseerra.

Finciltoonni gara magaalaa wayita seenanitti waraannis ta’e dhukaasni kamuu akka hinturre Kantiibaa Itti Aanaan magaalichaa ibsaaniruu.

Jiraattonni magaalattii nageenya isaaniitiif yaadda’an hedduunis ”finciltoonni magaalattii qabataniiru” jechuun magaalattii keessaa baqachuun bahaa jiraachuu dubbatan. Dabalataanis wayita ammaa kanatti magaalattii keessatti sagaleen dhukaasaa akka hin jirre himanii, ”hidhatoonni TPLF hambaalee durii magaalattiitti argaman barbadeessu jedhamee yaaddoon umamuu” dubbatan

Ittaanaan Kantibaa magaalattii, ”humni galuun hambaalee akka ittisaniif motummaa federaalaafi kan naannoo waliin yaaliin taasifamaa jira,” jedhan. ”Kunis hambaa ummata addunyaa waan ta’eef nageenyummaansaa akka mirkanaa’uuf dhiibbaan taasifamu qabaata” jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Mootumaan naannoo Amaarra ibsaa laaten “hidhaatonii  ABBUT bakka Aleewihaa jedhaamurraa garra  Laalllibalaatti kan baqattaan yoo ta’uu, akka magaalaatii keessa hin baaneef qophiin cimaan tasimeeraa” jedheera. Humnootii TPLF galuu ilaalchisee motummaan federaalaa hanga ammaatti waanti jedhan hinjiru.

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis, “Humnoonni Tigraay Laaliibalaa akka to’annoo isaanii jala oolfatan gabaasaaleen bahan irraa argineerra. ABBUT hambaa seena qabeessa kanaaf eegumsa akka taasisuuf ni gaafanna,” jechuun ejjennoo mootummaa isaanii miidiyaaleetti himaniiru.

Magaalaan Laalllibalaa magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqaleerraa kiilomeetira 348 fagaattee argamti.

Odeefanowaan: FBC, BBC fi Fuulaa Feesbuukii mootummaa naannoo Amaara

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *