“Humnootni ABBUT magaalota lama keessatti haleela namoomaa gageessaan”- HRW

Muddee 1: Yeroo Finfinnee

Hidhattonni ABBUT naannoo Amaaraa keessaa magaalota qabatanii turan lama keessatti namoota nagaa jumlaan ajjeesaniiru jedhe dhaabbatni mirga namoomaa Humna Raayits Waach ifoomsee jira. Human Raayits Waach ragaa argadheen humnootni TPLF Cinaa fi Qobboo keessatti namoota nagaa 49 ajjeesaniiru jedherra.

Dhaabbatichi gabaasa baaseen ajjeechaan kun kan raawwate maagalota Kaaba Gondar aanaa Daabat, ganda xiqqaa Cinaa jedhamtuu fi magaalaa Qobboo keessatti Hagayya 31 hanga Fulbaana 9, 2021 yeroo humnootni TPLF qabatanii turan keessatti jedha.  Hagayya 31 humnootni TPLF ganda Cinaa jedhamtu galuun humnoota waraanaa mootummaa federaalaa fi milishaa Amaaraa waliin waraana hamaa gaggeessan.

HRW jiraattota irraa iyyaafadhe akka jedhutti humnootni TPLF hanga gandicha gaafa Fulbaana 4 gadhiisanii bahanitti bakkeewwan adda addaa 15tti namoota nagaa 26 ajjeesaniiru. Akkasumas magaalaa Qobboo keessatti Fulbaana 9, bakkeewwan afuritti namoota nagaa 23 ajjeesuu isaanii hime.

Ajjeechaan kun Manni Maree Mirga Namoomaa UN ariitiidhaan bakkeewwan waraanichi babal’ate keessatti sarbama mirga namoomaa qaamolee waraanicha irratti hirmaataniin raawwate adda baasuuf qorannoo idl-adunyaa gaggeessuu akka qabu akeeka jedhe.

Gabaasichi wayita waraanni mootummaa federaala magaalota hidhaattootan qabamanii turan gadi dhiisisaa jiruutti bahe. Magaalota hidhaattootan qabamanii turan amma to’annoo humnoota federaalaa jalatti deebi’an keessatti finciltoonni namoota nagaa ajjeesuu fi hospitaalota dabalatee qabeenya hedduu barbaadeessuu mootummaan himeera.

Mootummaan injifannoo waraanaa argateen magaalota kana deebisee to’achuu yoo himu, TPLF tarsiimoof jecha gadi dhiisee bahuu hime. TPLF amma dura ajjeechaa kana raawwachuu waakkatee, qorannoon walabaa akka godhamuuf waamicha dhiyeessee ture.

Mudde 4 HRW waa’ee ajjeechaa kanaaf deebii akka kennaniif qondaalota TPLF’f gaafatus deebii akka hin kennine hime. Manni Maree Mirga Namoomaa UN waraana Tigiraay keessatti yakkoota namoomaa fi waraanaa raawwachuu malan adda baasuuf qorannoo idil-adunyaa tahe gaggeessuu akka qabu HRW himeera.–HRW fi BBC Afaan Oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *