Paartileen lama Filannoo biyyaalessaa keessaa of baasaan

Fulbaana 12: Yeroo Finfinne

Filannoo biyyaalessaa ja’affaa Naannoo Somaalee irratti paartileen hirmaachuuf turan lama filannoo keessaa of baasuu beeksisan.

Naannoo Somaaleetti mana maree bakka buutota uummataafi mana maree naannoof kaadhimamtoota dhiyeessanii kan turan paartii IZEMA fi Paartiin Bilisummaa fi Wal-qixxummaa, filannoo adeemsifamuuf jiru keessaa of baasuu isaanii beeksisanii jiru.

IZEM fi Paartiin Bilisummaa fi Wal-qixxummaas haaluma galmee filattootaa dabalatee seera filannoo waliigalaan wal-qabatee komiin boordii filannoof dhiyeessine furmaata argachuu waan hin dandeenyeef filannoo kanarraa of baasneerra jedhaniiru.

Paartileen lameen filannoo kana dura tureen miyooti filannoo haaraa biroon akka bakka buufaman gafannus kaardii saamamee tureen gara filannoo galamuun amanamummaa akka hin jiraanne godha,’’ jedhaniiru ibsa baasaniin.

Kana malees caasaan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa caasaa mootummaa waliin waan walitti makameef haqaafi amanamummaa ni dhabsiisa kan jedhuufi sababiiwwan biro tarreessuun filannicharratti akka hin hirmaanne ibsaniiru.

Paartilee lameeniin alatti Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen/ONLF filannoo Fulbaana, 20 adeemsifamu keessatti akka hin hirmaanne torbee darbe dubbateera. 

ONLF filannoo kanarratti hin hirmaadhu kan jedhe galmeen filattootaafi rakkoowwan biroo ilaalchisee iyyatni dhiyeesse furmaata waan hin arganneefi jechun waajira paartichaa Finfinnee jirutti Daariktara olaanaa kan tahan Obbo Ahimad Abdullaahii himaniiru.

Boordiin Filannoo gamasaan filannoo kana ilaachisee ibsa Wiixata kenneen Naannoo Somaalee lafa filannoon hin taasifamnetti galmeen filattootaa adeemsifamaa yeroo turetti paartilee irraa komiin dhiyaatee akka ture himeera.

Haaluma kanaanis naannichatti buufataalee torba keessatti galmeen filattootaa irra deebiin adeeemsifameera jedheera.

Fulbaana 20, 2014 A.L.I Naannoo Somaalee, Hararii fi Naannoo Kibbaattii filannoon kan adeemsifamu yoo tahu guyyuma kanatti Kibba-Lixa Itoophiyaattis murtoon naannoo tahuu ni adeemsifama.

Filannoo fi riifarandamii kanarratti sagalee kennuuf uummanni miiliyoona 7 galmaa’uu Boordiin Filannoo Itoophiyaa beeksiseera.

Maddi: BBC Afaan oromoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *