Oromiyaati barnootni kutaa 9ffaa torbaan dhufu eegalama

Finfinne ( Yeroo ) Muddee,27/2013

Oromiyaati barnootni kutaa 9ffaa sababa qaqqabuu dhabiinsa firii qormaata naannoo kutaa 8ffaatiin haga ammaa ture torbaan dhufu keessa ni eegalama jedhame.

Biiroo Barnoota Oromiyaa karaa toora hawaasummaasaatiin akka beeksisetti
firiin qormaata kutaa 8ffaa naannoo
Sadaasa 30 hanga Muddee 2, 2013tti guutummaa Oromiyaatti kennamee turee beekkameera.

Kanaanis barattoota qormaaticha fudhatan kuma dhibba 4 fi kuma 46 fi 907 keessaa barattoonni kuma dhibbi 4 fi kuma 17 fi 411 (% 93.4 ) gara kutaa 9ffatti darbuun himameera.

Barattootni kumni 29,fi 96 ( 6.6% ) immoo qormmaticha hin darbin hafuusaaniis odeeffanneerra.

Manneen barnootaas bu’aa qormaatichaa guyyaa har’aatii kaasanii barattootasaaniitiif ni beeksisu jedhameera.

Haaluma kanaan torbaan dhufuu kaasee barnootni kutaa 9ffaa kan eegalu ta’uu ragaan Biiroo Barnoota Oromiyaarraa arganne ni muul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *