Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Oromiyaa ta’uun muudaman

Fulbaana 15: Yeroo Finfinne

Paartiin Badhaadhinaa filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa mo’ate har’a sadarkaa naannoo Oromiyaatti mootummaa haaraa hundeessera. Caffeen Oromiyaa har’a yaa’ii isaa jalqabaa gaggeesseen Obbo Shimallis Abdiisaa pirezidaantii Naannoo Oromiyaa gochuun muude.

Caffeen Oromiyaa yaa’ii isaa jalqabaan, Aadde Sa’aadaa Abdurahaman Afa Yaa’ii Caffee Oromiyaa gochuun yoo muudu, bulchaa godina Wallagga Lixaa kan turan Obbo Eeliyaas Uummataa I/A Afa Yaa’ii caffee Oromiyaa gochuun muudeera.

Dhiyeessummaa Preezdaantii Mootummaa naannoo Obbo Shimallisa Abdiisaan Obbo Awwaluu Abdii Itti aanaa Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.

1.Obbo Fiqaaduu Tasammaa hogganaa Caffeetti bakka bu’aa mootummaa,

2.Dooktar Girmaa Amantee sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti qindeesaaa kilaastara horataalee mootummaa Oromiyaa,

3.Aadde Markaram Dabbabaa sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti hoggantuu Abbaa Taayitaa galiiwwanii Oromiyaa,

4.Obbo Addisuu Araggaa Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaasteera misooma magaalaa Oromiyaa,

5.Obbo Abduramaan Abdallaa sadarkaa Preezdaantiitti qindeessaa Kilaastera Misooma Baadiyyaa Oromiyaa,

6.Obbo Abduurhakiim Muluu sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaasteera Hawaasummaa Oromiyaa,

7.Obbo Abarraa Warquu Hogganaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaa Oromiyaa,

8.Aadde Addunyee Ahimad Haadha Alangaa Oromiyaa 9.Obbo Shaafii Huseen hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Oromiyaa,

10.Injiinar Miiliyoon Baqqalaa hoggantuu Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa,

11.Obbo Tolasaa Gadafaa Hogganaa Biiroo Maallaqa Oromiyaa,

12.Obbo Abarraa Buunoo hogganaa Waajjira milishaa Oromiyaa,

13.Aadde Saamiyaa Abdallaa Hoggantuu Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa,

14. Obbo Guyyoo Galgaloo Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa,

15.Obbo Ahimad Indiriis Hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogumma Oromiyaa,

16.Aadde Hawwaa Ahimad Hoggantuu Biiroo Daldalaa Oromiyaa,

17.Dooktar Mangistuu Baqqalaa Hogganaa Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa,

18.Aadde Sa’aadaa Usmaan Hoggantuu Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa,

19.Obbo Guutaa Laachoree Hogganaa Biiroo Lafa Oromiyaa,

20.Aadde Masarat Asaffaa hoggantuu Biiroo Ejansii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa,

21.Dooktar Tashoomaa Addunyaa Hogganaa Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaa,

22. Injiinar Heelan Taammiruu hoggantuu Biiroo Daandiwwanii fi Loojastiksii Oromiyaa,

23.Dooktar Tolaa Bariisoo Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa,

24.Dooktar Injiinar Masaay Daani’eel Tulluu Hogganaa Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa,

25.Aadde Jamiilaa Simbirroo Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immaan Oromiyaa,

26.Obbo Araarsoo Biqilaa Hogganaa Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa,

27.Obbo Hayiluu Addunyaa Hogganaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa,

28.Obbo Huseen Fayyisoo hogganaa Biiroo Paablik Sarvisii fi Qabeenya Humna namaa Oromiyaa,

29.Dooktar Abdullaaziiz Hogganaa Biiroo Komishinara Komishinii Karooraa fi Pilaanii Oromiyaa,

30.Obbo Geetuu Wayyeessaa Itti gaafatamaa Waajjira Preezdaantii fi Mana Maree Oromiyaa,

31.Aadde Kokkobee Didhaa Hoggantuu Biiroo Dhaabbilee Misooma Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.

Fulbaana 24, 2014 mootummaan Federaalaa ni hundaa’a. Isa dursuun garuu naannoleen mootummaa isaanii haaraa namoota filannoo injifataniin hundeessu jedhan.

Naannoo Oromiyaa keessatti morkattoota gurguddoo tahuu malu jedhamuun eegamaa kan turan ABO fi KFO’n dhiibamnee filannoo keessaa baanerra jechuun filannicha irratti hin hirmaanne.

Maddi: OBN

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *