Itoophiyaan Saatalaayitii 2ffaa gara samiitti ergite

Finfinnee (Yeroo) Muddee 13/2013

Itoophiyaan saatalaayitii ishii lammataa Smart-RSS jedhamitu gara samiitti erguu ishii Institiyuutiin Saayinsii Ispeesiifi Teekinolojii Itoophiyaa karaa fuulasaa feesbookaatiin beeksise.

Biyyattiin bara darbe ji’a Muddee keessa saatalaayitii ETRSS -1 jedhamtuufi tajaajila xiinxala lafaaf ooltu gara samiitti erguun ishii kan yaadatamu yoo ta’u innis Itoophiyaaf isa jal-qabaati.

Saatalaayitiin bara darbe gara samiitti ergamte tun odeeffannoowwan haala qilleensaa toowachuuf dandeessisaniifi qorannaafi qu’annaa hojiilee qonnaatiif gargaaran erguurratti akka argamtus himameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *