Yaaliin fonqolcha mootummaa Sudaanitti raawatame

Fuulbaana 11: Yeroo Finfinne

Telelvizhiniin biyyolessaa Sudaan, fonqolchi mootummaa yaalame fashalaa’uu gabaase.

”Yaaliin fonqolcha mootummaa ture fashalaa’eera, uummanni dura dhaabbachuu qabu,” jedha gabaasni miidiyaa biyyooleessaa. Yaaliin fonqolchuu kun meejer Janaraal Abdaalbaqi Bakrawiin akka durfaame himaame jira. Yaalii kaananis miisensooni warraana rayyaa warraana biyyaatti baha jiruus toa’aatani akka turan madden ibsaani jiruu.

Gabaasaaleen magaalaa guddoo Kaartum fi magaalaa dhiyeenya jirtu Omdurmaan keessaa bahaa jiran waan jedhan, sochiin waraanaa cimaa jiraachuufi riqichi laga Abbayyaas cufameera.

AFPn madda mootummaa waabeffachuun akka gabaasetti, kanneen taatee kana duuba jiran gamoo miidiyaa mootummaa to’achuuf yaalanis ”hin milkoofneef”. Viidiyoon marsaalee hawaasaa gubbaa qoodaman ammoo konkolaattoota waraanaa daandiiwwan gubbaatti mil’isa.

Mootummaan Sudaan taatee kana to’achuuf tarkaanfiileen fudhatamaa jira jechuunsaas gabaafameera. Akka Rooyitras gabaasetti ammoo, dubbi-himaan waraana Mohamed Al Faki Suleiman waan jedhan, kanneen hirmaatan irratti qorannoo hatattamaan ni eegala jedhaniiru.

Maddi: BBC, REUTERS, AFP FI AL AIN

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *