Pireezidantonni Keeniyaa, Nayjeeriyaa fi Soomaliyaa uummata fi MM Abiyyiin baga gammadde jedhan

Yeroo, Onkoloolessa 5, 2021

FINFINNEE

Keeniyaan ummata Itoophiyaa waliin ta’uun naannoo misoomaafi guddinaa gochuuf akka hojjetan ibsan. Mootummaa Itoophiyaa akka deeggaranis himan.

”Warri si filates warri si hin filannes uummata keeti uummata kana tokkoomsuuf hojii hojjettu ni deeggarra,” jedhan. Itoophiyaan haadha keenya hunda keenyaati nagaa qabaachuu qabdi. Itoophiyaa nagaa qabduufitasgabbii qabdu, akkasumas Afrikaa nagaa, tasgabbiifi badhaadhina qabdu arguu feena jedhan.

Pireezidantiin Nayijeeriyaa Mahaammaduu Buhaarii ”bu’aan filannoo Waxabajjii darbee fedha uummata Itoophiyaa isa sirrii agarsiisa’ jedhan.

Danqaalee Itoophiyaa mudatan ni beekna kan jedhan Buhaariin, ”uummatni kun walitti dhufee nageenyaafi tasgabbii akka argatu mootummaa kana ni deeggarra,” jedhan. ”Naajiyeeriyaan walabummaa biyya Itoophiyaafi daangaa ishee ni kabajjii, hariiroo waliin qabanis cimsuuf kutattuudha” jedhan Buhaariin.

Pireezidantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Farmaajoo gama isaaniin uummatni dhaaba bakka nu bu’a jedhaniif sagalee isaanii kennuu isaafii mootummaa ijaarameef baga gammaddan jedhaniiru. ”Hangan dhiyeenyaan Abiyyiin beekutti Abiy hooggana waan uummatni irraa eegu bahuuf kutatee hojjetuudha” jedhan Farmaajoon.

Mootumaan Itoophiyaa caassa kaabinee foyaa’e haarra mana marre bakka buutota itophiyaa durati dhiyesse ni ragasiisaas jedhamme jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *