Assoosheet Pireesiif (APf) akkeekkachiisni kenname

Finfinnee,Caamsaa,10/2013 ( Yeroo )-

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa Assoosheetid Pireesiif (APf) akeekkachiisa kennuu EBCn gabaaseera.

Akeekkachiisa Kanaafis sababaan gabaasa APn tibbana dheerachuu guyyaa filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa ilaalchisuun baase akka ta’e hubatameera.

Akka AbbaanTaayitichaa ibsetti gabaasni APn dhimmicha ilaalchisuun dhiyeesse dhugaarraa kan fagaatedha.

Akeekkachiisa kana kan kennan daayirekterri olaanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Mahaammad Idiriis “filanichi kan dheerate sababa harkifachuu loojistiksiifi wolii gala hojichaatiin ta’uu ifatti ibsamee odoo jiruu APn garuu filannichi kan dheereffame sababa lola Tigraay keessa jiruun jechuun gabaasa dhugaarraa fagaate hojjateera “,jechuun sababa akeekkachiisni kun kennameef eeraniiru.

Kanaafis dhaabbatichaaf akeekkachiisni barreeffamaa kennamuu himaniiru.

Kana boodas dhaabbilee miidiyaa Itoophiyaa keessatti hojjachuuf hayyama argatanii socho’utti jiraniifi garuu immoo heeraafi seera hordofanii hin hojjanne irratti tarkaanfiin akka fudhatamus akeekkachiisanii jiru.

Gabaasaa Assoosheetid Pirees (AP )damee Itoophiyaa kan ture Eeliyaas Masarat,dhimmicha ilaalchisuun ergaa karaa toora fuula feesbooka isaatiin dabarseen,ji’oota shan duraa kaasee dhaabbaticha faanaa hojjachuu dhaabuu isaa eeree,gabaasni amma APn ittiin qeeqame kunis rippoortaroota dhaabbatichaa teessoo isaanii Keeniyaa,Naayiroobii taasifataniin kan qophaaye ta’uu beeksiseera.

Eeliyaas ji’oota shan dura Assoosheetid Pirees gad lakkisuusaa malee sababaa gad lakkiseef garuu hin himne.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *