ABBUT Gamtaa Afrikaa loogiidhaan komatee

Hagayya 24: Yeroo Finfinne

Gamtaan Afrikaa pirezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oluuseeguun Obaasaanjoo ergamaa Gaanfa Afrikaa gochuun dhiyeessee jira. Kamisa darbe AUn, Gaanfa Afrikaatti qaama, “sochii nagaa, tasgabbiifi marii siyaasaa jajjabeessuuti” jechuun Obaasaanjoo muuduu beeksisee ture.

Dubbi himaan Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Obbo Getaachoo Raddaa, gaamtaan Afrikaa gama mootummaa Itoophiyaa goruun walitti bu’insa ji’oota kudhaniif ture jiraachuu isaallee yeroo inni itti beekamtii kenneef baayyee xiqqaadha jedhe jira.

TPLF muudamuu jaarsa araaraa hin mormu kan jedhu Obbo Getaachoon, ergamni ammaa kun garuu ni hojjeta jedhanii yaaduun gowwummaadha jechuun dubbata. “Rakkoo tokko furuuf rakkoon sun ammam akka gahu hubachuun yoo hafellee, yoo xiqqaate jiraachuu rakkoo sanaatiif beekamtii kennuu gaafata,” jedhuu Obbo Getaachoon fuula Tiwiitara isaarratti.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ammoo Kamisa darbe marii dhimma waraana irratti gaggeessen, Gamtaa Afrikaafi dhaabbilee biroo waliin ta’uun mariin hunda hammate akka gaggeeffamu deeggarsa akka kennu himee ture. 

Kanaan dura mootummaan Itoophiyaa TPLF kan garee shororkeessummaatti farraje waliin taa’ee hin mariyadhu jechuun irra deddeebiyee ibsaa tureera.

Ji’uma waraanni naannoo Tigraay keessatti jalqabametti gareen hogganoota duraanii biyyoota Afrikaa sadii of keessaa qabu, lolli Tigraay mariin furmaata akka argatu jaarsummaaf Finfinnee galanii osoo hin milkaa’iin hafuun isaas ni yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaa kanaan dura keewwata chaartarii UN eeruun mootummaan Federaalaa Itoophiyaa dirqama olaantummaa seeraa kabachiisuutti jira jechuun giddu seentummaa qaama alaa kamiyyuu akka hin fudhanne beeksisaa tureera.

Waraanni amma ji’oota kudhan lakkoofsise kun lubbuu kumaatama galaafatee, miliyoonota ammoo qe’ee isaaniirraa buqqiseera. Naannicha keessatti namoonni 400,000 ol ta’an balaa beelaaf akka saaxilamanii jiran dhaabbileen idil-addunyaa ibsaa turaniiru.

Maddi: AU, Musa Faki Mahmat & Getachew Reda/Twitter

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *