Jawaar Mahaammadii fi waahillan isaa lagannaa nyaataa akka dhaaban gaafatame

Finfinnee,Gurraandhala,02/2013 ( Yeroo )

Dursitootni siyaasaa Oromoo Jawaar Mahaammad,Baqqalaa Garbaa,Hamizaa Booranaa,Koloneel Gammachuu Ayyaanaa,Dajanee Xaafaa fi baa’inni isaanii 20 oli ta’u ajjeechaa aartisti Haacaaluu Hundressaatiin woli-qabatee hidhaaf saaxilamanii ji’oota torban darbaniif mana hidhaa keessa jiru.

Hidhamuusaaniitiif abbaan alangaa reeffi Haacaaluu gara maatiisaatti geeffamee akka hin awwaalamne dhoorguu,meeshaa woraanaa seeraan alaa hidhatanii argamuu,meeshaalee telekoomii qaama mootummaa qofaaf hayyamaman qabatanii argamuu fi kkf akka sababaatti eereera.

Haala kanaanis ji’oota darban hedduuf mana murtiitti deddeebi’aa turaniiru.Woyita kanattis jarri hundinuu mootummaan filannoo dhufurratti akka nuti hin hirmaanne nudhoorkuuf malee nuti yakka takkoyyuu hin raawwanne jechuun faalmaaniiru.

Guyyoota kadha afran darbaniif ammoo Jawaariifi Baqqalaa Garbaa dabalatee hidhamtoonni kudha shan caalan dhiibbaan namoota nu gaafachuuf dhufan irra humna tikkaan gahaa jiru dhaabachuu qaba,nuyiifi hidhamtootni siyaasaa Oromoo hundi hiikamnee qabsoo karaa nagahaan jal-qabne itti-fufuu qabna kan jedhuufi sababaalee gara birootiin lagannaa nyaataa irra jiru.

Jawaarii fi waahillan isaa hundi akkanumas hidhamtoonni siyaasaa gara biroos hiikamanii karaa nagahaan akka qabsaayan odoo carraan kennaamee,nagayaafi tashabbii siyaasa biyyattiiitiif hedduu akka fayyadu hayyoonniifi lammiileen hedduun akka amanan Yeroo Median hubateera.

Karaa gara biraan worreen humna tokkummaa ofiin jedhaniifi ilaalcha akkasii qaban hedduun hiikamuu Jawaarfaa gonkuma akka hin feenes hubanneerra.

Komishinarri Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiyayaa Dr Daani’eel Baqqalaas daawwannaa erga Jawaarfaan lagannaa nyaataa jalqabaniin asi dhuma torban darbee keessa bakka isaan itti hidhamanitti argamuun taasisaniin Jawaarfaan A.L.A,Ammajjii 27 kaasee lagannaa nyaataa irra jiraachuusaanii akka hubataniifi sababaa lagannaasaaniis isaanumarraa akka dhagahan eeranii kana booda garuu fayyummaan isaanii dhiyeenyaan hordofamuu akka qabu,fedhiin bu’uuraasaanii guutamuufi akka qabuufi woyita mana mutiitti dhiyaatanis ta’ee woyita isaan gaafachuu dhufanitti firootniifi hiriyyootni isaanii kabajaan keessummeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru.

Haata’uutii malee,itti-gaafatamaan sab-qunnamtii Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa ergaa karaa toora feesbuukasaaniin dabarsaniin,“Olaantummaa seeraa irratti qoosaan hin jiru! Kan yakke gatii yakka isaa lakkaayee fudhata! Laguu nyaataa kijibaatiin waca uumuu otoo hin taane qulqullummaa qofatu nama baasa! Daa’imman jeequun yakka dabalataa fida malee yakka duraa hin haqu! Ilmaan ummataa irraa harka kaasaa!” jechuun dhiibbaan hanga yaaddees jiraannaan jara kana gadi-lakkisuuf mootummaan fedhii akka hin qabne beeksisaniiru.

Guyyoota lamaan darban keessa magaalota Oromiyaa muraasa keessatti barattootni hamma tokkoo gaafii hidhamtootni siyaasaa Oromoo gad-lakkifamuu qabu jedhu qabatanii yoo bayanis sa’aa muraasa booda humna nagayaatiin bittinsamuusaaniis dhageenyeerra.

Guyyaa har’aas gareen namoota bebbekamoo fi hayyoota siyaasaa kanneen akka Obbo Leencoo Lataa,Jaal Daawud Ibsaa,Ustaaz Kaamil Shamsuu fi kkf of keessaa qabu bakka Jawaarfaan itti hidhaman Mana Amala Sirreessaa Qaallittiitti argamuun haala jarri keessa jiran erga hubataniin booda lagannaa nyaataa itti jiran akka dhaaban gaafachuusaaniis dhageenyeerra.

Daawwannaan garee kanaa waan tasa ta’e odoo hin taane itti yaadamee qaama mootummaatiin kan qophaayeefii tariis fala fiduu ni danda’a jechuun xiinxalaan siyaasa Oromoo tokko yaadasaa natti himeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *