Itoophiyaatii weeraarri covid 19 marroo 3ffaa muudate

Hagayya 25: Yeroo Finfinne

Weerarri koronaavaayirasii marroo sadaffaan Itoophiyaatti muul’achuu Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaan ibsaniiru. Itoophiyaatti torbee darbe weerara koronaavaayirasiitiin namoonni kumni 5547 qabamaniiru.

Guyyaa tokkoo keessaatti namoonni 1,000 ol vaayrasichaan qabamu kan ibsan Dooktar Liyaan, weerarichi kan kanan duraa tureerraa dachaan dabaluu himaniiru. Yeroo ammaa tatamsa’inni dhibee kanaa dabaluun kan mul’isu weerarri vaayrasichaa sadaffaan biyyattitti muul’achuu isaa akka agarsiisu Dr. Liyaan dubbatani jiru. Kana ta’uun hubatamee, of eeggannoon kana dura taasifamuu cimee itti fufuu akka qabu Dr. Liyaan yaadachiisaniiru.

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota COVID-19n du’aniifi kanneen cimaa dhukkubsatan haala baayyee ariifachiisaa ta’een dabalaa jiraachuu himuun qajeelfamni dhibee kanaa ittisuufi to’achuuf bahe torban darbe akka haaraatti foyyaa’uun isaa ibsameera.

Maddi: ENA

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *