ABO fi paartileen siyaasaa shan mallattoo filatan jijjiiruu qabu jedhame

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (Yeroo ) – ABO fi paartileen siyaasaa shan mallattoo filatan akka jijjiiran Boordiin Filannoo Biyyaalessaa hubachiiseera.

Haga ammaatti paartiileen siyaasaa 45 ta’an mallattoo isaanii boordichaaf kan galchan yoo ta’u,isaan keessaa paartiileen jaha mallattoo filatan sababa garagaraan jijjiiranii akka dhiyeessaan gaafatamaniiru.

Addi Bilisa Baasaa Oromoo,
Paartiin Demokiraatawaa Gaamoo,
Sochiin Humna Demokiraatawaa Amaaraa,
Haqni Hawaasummaa Lammiilee Ityoophiyaa,
Paartiin Demokiraatawaa Somaalee Lixaa fi
Sochiin Demokiraatawaa Saba Argoobbaa Paartilee mallattoo filatan akka jijjiiraniif waamichi taasifameef akka ta’an ergaan boordichi karaa toora feesbookasaatiin dabarse ni mul’isa.

Paartileen kunniin mallattoo haaraa filatan hanga Ammajjii 23tti akka dhiyeeffataniif guyyaan qabamuus odeeffanneerra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *