Maqaa Orumummaan dararamaa jirra-Naannoo Amaaraatti jiraattota Godina Addaa Oromiyaa

Finfinne (Yeroo) Walitti bu’iinsa Kamisa darbe ajjeefamuu imaama masjiida Jiilllee Dhumuggaatti argamuu hordofee humna addaa Naannoo Amaaraa fi jiraattota Haxaayyii fi Jiillee Dhummuggaa jiddutti uumamameen lubbuun namoota hedduu darbuun ni yaadatama.

Jiraattonni yaadasaanii Yeroo Miidiyaaf kennan akka himanitti hanga guyyaa kaleessaa raayyaan ittisaa fi poolisiin federaalaa seenee ajjeechaa raawwatamaa ture tasgabeesssetti namootni nagahaa hedduun qe’ee isaaniitti humna addaa Naannoo Amaaraatiin sababaa tokkoon maletti ajjeefamanii jiru,manneen hedduun jalaa gubateera,qabeenyi gosa hedduus jalaa barbadaayeera.

Kaayyoon ajjeechaafi dararaa kanaa Oromoo naannicha keessaa humnaafi dirqiin balleessuuf yaaluudha jedhanii akka amananis jiraattonni yaadasaanii nuuf kennan kunniin dubbataniiru.

Haala sukkanneessaa guyyoota lamaan darban keessa ture irraa ka’uun Odoo Raayyaan ittisa biyyaa fi Poolisiin Federaalaa seenuu baatee miidhaan hamaan sanyii duguuggii Oromoota naannicha jiraatan irratti hin raawwatni hin oolu jedhanii akka shakkanis jiraattonni kunniin ni kaasu.

“Kana boodas taanaan Uummatni Oromoo bal’aan akkanumas Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Mootummaan Federaalaa ajjeefamaa kan jirru sabababa Oromoo taaneef ta’uu hubachuun nu bira dhaabbachuu qabus “,jedhaniiru jiraattonnoo Haxaayyii fi Jiillee dhummuggaa yaadasaanii nuuf laatan.

Kaleessaa saafayaa kaasee Raayyaan Ittiisa Biyyaa fi Poolisiin Federaalaa Shawaa Roobiit irraa eegalee hamma Kombolchaa gahutti iddoo rakkoon itti uumame hunda galee jiraachuufi naannichatti yeroo ammaa tasgabbiin uumamaa jiraachuus hubanneerra.

Humnootni nageenyaa Federaalaa kunniin miseensota humna addaa Naannoo Amaaraa rakkiicha keessatti hirmaatan hiikkachiisaa akka jiranis qondaalli Raayyaa Ittisa biyyaa maqaa kiyya hin dhahin naan jedhan tokko natti himaniiru.

Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa guyyaa kaleessaa baaseen duuchamaan wolitti bu’iinsa uumameen lubbuun lammiilee darbuufi qabeenyi barbadaa’uu himuu malee lubbuun nama meeqaa akka darbee fi hanga miidhaa qabeenya irra gahee hin himne.

“Rakkoo uumameef kan itti-gaafatamu ABO Shaneefi qaamota isa fakkaatanidhas” jedheera-ibsi Mootummaa Naannichaa kun.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *