Manni Murtichaa dhimma Jawaar fa’a irratti gaaffii Abbaa Alangaa kuffise

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (Yeroo ) – Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataa gaaffii Abbaan Alangaa Jawaar Mahaammad fa’a irratti dhadhacha cufaa fi golga duubaan ragaa dhageessiisuuf gaafaate kufaa taasise.

Abbaan Alangaa beellama darbeen bu’uura labsii ragaa dhageessisuu abbaa alangaan nageenya ragootaaf jecha adeemsa dhaddacha cufaan ragaan akka dhaga’amuuf iyyannoo dhiyeeffachuun isaa ni yaadatama .

Manni Murtichaa Dhaddacha har’a ooleen bakka Jawaar Mahaammad fi shakkamtoonni isa woliin himataman hundi argamanitti dhimma isaanii ilaaleera.

Abbaan Alangaas beellama darbeen bu’uura labsii ragaa dhageessisuu abbaa alangaa lakkoofsa 699/2003, keewwata 4 muraa 1tiin ragoonni 146 dhaddacha cufaan ragaa akka dhageessisan mana murtichaa gaafatee ture.

Haata’uutii malee,abbaan Alangaa sababaa ragoonni kunneen golga duubaan ragaa akka dhageessiisaniif dirqisiise ragaa quubsaan hin mirkaneessine waan ta’eef Manni Murtichaa ragoonni dhaddacha banaan ragaa akka laataan murteesseera.

Manni murtichaa gaaffii himatamtoonni maqaan ragootaa akka tarreeffamuuf gaafatan nageenyaa ragootaa irratti rakkoo uumuu ni danda’a jechuun kufaa taasiseera.

Haaluma kanaan manni murtichaa maqaan ragootaa osoo hin tarreeffamin garuu immoo dhaddacha banaan akka rageessan murteesseera.

Ogeessi seeraa oolmaa mana murtichaa har’aa ilaalchisuun yaada gaafanne Obbo Birhaanuu Hinseenee “murtiin dhaddacha har’aa irratti laatame Jawaarii fi waahillan isaaf injifannoo guddadha.Mootummaan ijjannoo isaa laaffisaa jiraachuufi ji’oota muraasa booda gadi-lakkifamuu akka danda’anis kan mul’isudha“ jedhaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *