Qaamotni bu’aa filannoo karaa Miidiyaa hawaasaan tamsaasaa jiran gocha akkasii irraa of-qusachuu qabu jedhame

Finfinnee,Waxabajjii 15/2013 ( Yeroo ):-

Har’a ganamaa kaasee namootni dhuunfaa hedduun bu’aa filannoo buufataalee filannoo garaa garaa maxxansuun kadhimamtoota injifataniifi injifataman beeksisaa oolaniiru.

Anis buufataalee filannoo magaalaa Finfinnee keessatti argaman hedduu deemee bu’aa sagalee filannoo maxxanfame xiinxalleen jira.Isa godinaalee fi bulchiinsota magaalaa tokko tokkoos karaa garaa garaatiin hubachuuf yaaleen jira.

Waan hubadhe irraa ka’uun abalu bakka akkasiitti injifateera jedhee ibsuuf qajeelfamni boordichaa yoo na dhoorges,kaadhimamtootni Paartii Badhaadhinaa bakka heddutti garaa garummaa bal’aan dursaa jiraachuusaanii garuu ibsuun waan cubbuu qabu natti hin fakkaatu.

Haata’uutii malee, gorsituun dhimmoota komnikeeshinii boordii filannoo biyyaalessaa Sooliyaanaa Shimallis ibsa har’a kennaniin bu’aan filannoo beekkamtii Boordii Filannoo Biyyaalessaatiin ala miidiyaalee hawaasaan tamsaafamaa jiru yakka ta’uu eeruun, Qaamotni bu’aa filannoo karaa Miidiyaa hawaasaan tamsaasaa jiran gocha akkasii irraa of-qusachuu akka qaban akeekkachiisaniiru.

Filannichi rakkoo nageenyaa malee akka karoorfametti gaggeeffamuus aadde Sooliyaanaan himaniiru.

Nannoo Gambeellaafi Sidaamaatti sagaleen kennamu itti fufee ooluu kan kaasan aadde Sooliyaanaa Shimallis,nannoolee lamaanittuu lakkaawiinsi sagaleen har’a galgala ni eegalama jedhaniiru.

Iddoowwan muraasa rakkoon loojistiikii itti mudateen ala magaalota keessatti bu’aan lakkofsa sagalee filannoo walitti qabamaa jiraachullee yaadachiisaniiru.

Naannoleen filannoo guyyaa shan keessatti sagalee walitti qaban dhiyeessuu akka qaban kan hubachiisan gorsituuun dhimma kominikeeshiinii,firiin waliigalaa guyyaa kudhan keessatti kan ibsamu ta’uus dubbataniiru.

Namootni bu’aa filannoo beekkamtii Boordii Filannoo Biyyaalessaan ala miidiyaalee hawaasaan tamsaasaa jiran gochi akkasii yakka ta’uu hubachuun akka of-qusatan aadde Sooliyaanaan akeekkachiisaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *