Hidhaatooni ABBUT midhaan gargaarsaa saaman

Hagayya 25: Yerooo Finfinne

Finciltoonni ABBUT torbanoota darban keessa man-kuusa midhaan nyaataa dhaabbata gargaarsaa US (USAID) saamuun isaanii ibsame.

Itoophiyaatti Daarektarri Ergamaa USAID Shoon Joons buufata TV biyyaalessaa Itoophiyaa (EBC)tti akka himanitti, finciltoonni ABBUT midhaan gargaarsaa man-kuusa keessa jiru bakkewwan gahan keessaa saamaniiru jedhan.

“Loltoonniifi namoonni hidhatan lammilee jalaa midhaan nyaataa hataniiru. Keessattuu ABBUT naannoo Amaaraa bakkewwan gaheefi lola bane hundatti midhaan nyaataa man-kuusa keessaa saameera; konkolaataawwanis saameera. Qabeenyas mancaaseera,” jedhaniruu daarektarichi.

Itoophiyaatti Daarektarri Ergama USAID Shoon Joons EBCtti “ABBUT haalawwan jiran qixa sirriin fayyadamaa akka hin jirre nan amana. Namoota gargaarsi barbaachisurraa humnaan fudhataa akka jirutti nutti dhaga’ama; dhugaan beeknu garuu humnoonni ABBUT bakkawwan galan hundatti man-kuusawwan saamaniiru,” jedhan.

Torban darbe Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) irrattis bakka bu’aan Ameerikaa “Naannoo Amaaraa keessatti man-kuusni midhaan nyaataa hidhaatoota ABBUTn saamamuu,” dubbatanii turan.

Dabalataanis USAID himannaa dhaabbatichi finciltootaaf nyaata humna kennan dhiyeessaa jira jedhu dhara akka ta’e beeksisuuf ibsa baaserratti, “Yeroo baayyee bakkawwan walitti bu’insi jiranitti hidhattoonni namoota gargaarsi barbaachisu jalaa akka hatan,” eeree ture.

Itoophiyaatti Daarektarri Ergama USAID kana jechuu isaanii hordofee aanga’oonni TPLF fi mootummaan Federaalaa dhimmicha irratti hanga ammaa wanti jedhan hin jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *