Manni Murtii Federaalaa Olaanaan Gamoowwan miseensota garee TPLF qaama walabaan akka bulan murtee dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 ( Yeroo ) –

Manni Murtii Federaala Olaanaan dhaddachi Ramadii 1ffaa Araadaa,dhaddacha Waxabajjii 16,17 fi 18 , 2013 ooleen gamoowwan daldalaa qabeenyummaan isaanii kan miseensota garee TPLF ta’e qaama walabaan qabamanii akka bulan murteesseera.

Gamoowwan qaama walabaatiin akka bulaniif murtiin irratti darbe waliigalaan 30 yoo ta’an ,kanneen asii gaditti tarreeffaman akka keessatti argaman ragaan Abbaa Alangaa Waliigalaarraa argame ni muul’sa.

1. Gamoowwan maqaa Jeneraal Tsaadiqaan G/Tansaayiin Finfinneetti argaman 2,

2. Gamoo maqaa Jeneraal Abbabaa Taklayimaanotiin Finfinneetti argamu abbaa darbii 5nii ‘Walalaa’ jedhamuun beekkamu,

3. Gamoowwan maqaa Birgaadeer Jeneraal  Migibee Haayyaalan Finfinnee fi Maqaleetti argaman 2,

4. Gamoowwan maqaa Birgaadeer Jeneraal Taaddasaa warradaan Maqaleetti argaman 2,

5. Gamoon maqaa Birgaadeer Jeneraal Taklaay  Ashabbiriin  Finfinneetti argamu abbaa darbii 5 kan “Gamoo Bileen”jedhamuun beekkamu,

6. Gamoowwan maqaa Birgaadeer Jeneraal   Yohaannis Walda Giyoorgisiin Maqaleetti argaman 3,

7. Gamoo maqaa meejer Jeneraal Hintsaa Walda Giyoorgisiin Maqaleetti argamu 1,

8. Gamoo maqaa meejer Jeneraal  Ibraahim Abduul Jaliilin Maqaleetti argamu 1 fi 

9. Kuusaawwan boba’aa Maqaa Hayilaa  Tasfaakiroosiin Maqaleetti argaman 3

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *