Sirni kenniinisa sagalee Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ammas akkuma itti fufetti jira

 Finfinnee,Waxabajjii 14/2013 (Yeroo )

Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 6ffaa guyyaa har’aa geggeeffamaa ooleef sirni kenninisa sagalee ganama sa’aatii 12:00tti eegaluun haga galgala keessa sa’aatii 12:00 qofaaf akka turu himamuun ni yaadatama.

Haata’uutii malee iddoo heddutti keessattuu Magaala Finfinnee keessatti ganama subii kaasee hiriira dheeratu ture.

Sababaa kanaanis Boordiin Filannoo Biyyaalessaa sa’aatiin sagaleen itti laatamu haga halkan keessa sa’aatii 3:00 akka itti fufu murteesseera.

Kanarraa ka’uunis filattoonni magaalaa Finfinnee haga sa’aatii ani oduu kana qopheesseetti dukkanaa fi rooba odoo hin nuffine xiiqii jabaan sagalee isaanii laachuu irratti argaman.

Bu’aan filannoo buufata filannoo kamiiyyuu odoo kenniinsi sagalee guutummaa biyyattiitti hin xumuramneefi beekamtii boordichaatiin ala himamuu akka hin dandeenye boordichi akeekkachiiseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *