Qabxiin qormaata Biyyaalessaa akka sirratu gaafatame

Qabxiin qormaata biyyaaleessaa tibbana ifa ta’e gosa barnoota ‘apitittude’n qabxiin galmaa’e dogoggora waan qabuuf akka sirratuuf gaafatame.

Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo ibsa kennaniin qabxiin barattoota kuma shan ta’anii qormaatawwan gara dhumaatti kennaman sadan irratti sirrii akka hin turre waan bira geenyeef qabxichi akka haqamu ejjennoo qabnu barreeffamaan Ejensii Qormaata Biyyoolessaafi Ministeera Barnootaa beeksifneerra jedhani.

Haaluma kanaan qormaatichi irra deebiin akka sororamu akkasumas qabxiin barattoota kuma shanii deebii qormaataa argataniiru jedhamees akka haqamuu qabus gaafatamuusaa hogganichi himaniiru.

Kana malees ibsa Ejensiin Qormaataa maqaa naannolee rakkoon kuni keessatti uumameera jedhee kenne iftoomina waan hin qabneef irra deebiin ibsi akka itti kennamus gaafatameera.

Akka ibsa ejensichaatti naannolee maqaan eeraman keessaa Oromiyaan tokko yoo taatu, bakki rakkoon kuni itti mudate garuu mana barumsaa sadii keessatti yoo ta’u, barattoonni qooda keessaa qabanis 26 qofa ta’ee utuu jiruu duuchaatti ibsi kennamuunsaa sirrii miti ejjennoo jedhu qabaachuusaanii Dr. Tolaan himaniiru.

Rakkoon uumame kuni furamee hanga ibsi itti kennamuutti qabxiin barattootaa guutummaatti ibsamutti barattoonni keenyaafi maatiin obsaan eeguu qabu jedhaniiru.

Ijoolleen ifaajjiidhaan itti qophaa’uun seeraan qoraman osoo jiranii warri seeraan ala qabxii argatan Yunivarsiitii seenanii barachuu akka hin qabne ejjennoon hanga fala argatutti akka itti adeemamus ibsaniiru.

Ammatti garuu qabxiin barattoota Oromiyaa gadi bu’eera jedhamee wanti odeeffamaa jiru dhugaarraa kan fagaatedha. Qabxiin waliigalaa yeroo itti aanutti ifa ni taasifamas jedhani Dr. Tolaan. Maddi BDHKMNO dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *