Itoophiyatti Talaalliin COVID-19 kennamuu jal-qabe

Finfinnee,Bitootessa 04/2013 ( Yeroo )

Itoophiyatti guyyaa har’aa Talaalliin COVID-19 Magaala Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii hedduu keessatti kennamaa ooleera.

Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasee Naannoo Tigraay Magaalaa Maqaleetti argamuun talaallicha dursanii fudhachuun sirna kenna Talaallichaa jal-qabsiisaniiru.

Isaaniin dabalatattis hoj-geggeessaa olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Dr Muluu Naggaa fi miseensonni kaabinee naannichaa akkanumas ogeeyyonni fayyaa talaallamaniiru.

Ogeeyyonnii fi hojjattoonni fayyaa sababa hojiisaaniitiin saaxilamoo ta’an,akkanumas namootni umriin cimoomatanii fi dhibee gara biroo qaban talaallicha dursanii akka argatanis Dr Liyaan eeraniiru.

Dhiyeessiin talaallichaa akka addunyaatti murtaayaa ta’uu ka himan Ministirittiin,hawaasni kana hubachuun tooftaalee ittisa weerarichaa cimsee itti-fufuu akka qabus hubachiisaniiru.

Naannoo Oromiyaattis Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo fi Hoogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Naannichaa Dr.Mangistuu Baqqalaa Hospitaala Mojootti argamuun sirnicha eegalchiisaniiru.

Sirna Talaallicha jal qabsiisuu magaala Finfinneetti ture ammoo Ittaantuu Kantiibaa Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebee ka eegalchiisan yoo ta’u,hoogganaan Biiroo Fayyaa Magaalichaa Dr,Yohaannis Caalaa talaallii jal-qabaa fudhataniiru.

Sirna kenna Talaallii Naannoo Somaalee Magaala Jigjigaatti ture ammoo Ittaanaan Prezidaantii Naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad talaallicha dursanii fudhachuun eegalchiisaniiru.

Hooggantoonni magaalota biyyattii garaa garaatti sirna jal-qabsiinsa talaallichaa irratti hirmaatan kunneen,talaallicha lammiilee hunda woliin gahuun akka hin danda’amne hubachuun hawaasni ammas ofeeggannaasaa cimsuu akka qabu dhaamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *