Kijiba Keelloo Miidiyaatiin gadduusaanii Hayyootni ibsaa jiru

Finfinnee,Caamsaa 25/2013 ( Yeroo ) –

Miidiyaan Keelloo jechuun of waamu Wixata darbe dubbii sobaa “ Muummeen Ministiraa Dr Abiy Ahmad wal-gahii koree hoj-raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa irratti,woggoota kurnan ittaananiif du’een argama malee angoo gad hin lakkisu “, jechuun waan dubbatan fakkaatu uumee gad lakkisuun isaa ni yaadatama.

Dubbiin kun kijiba namootni hinaaffaan machaayan uuman ta’uu mormitoota muummichaa dabalatee namni hedduun ragaa bahaa jira.

Haasaan jechoota dubbii muummichi yeroo garaa garaatti taasisan keessaa funaanuun qindeeffame kun Wixata galgala yoo gadi lakkifamu namoota danuu dogongorsuuf kan yaale yoo fakkaates guyyaa har’aa garuu mormitoota isaanii ijooo dabalatee hundi namaa sadarkaa jechuun danda’amuun dubbichi dubbii namootni hinaaffaan machaayan qindeessan ta’uu hubachiisaa oolaniiru.

Dr Salamoon Ungaashee,Dr Birhaanamasqal Abbabee Sanyii fi Dr Malkaa Hawaas hayyoota Oromoo teessoo isaanii biyya Ameerikaa taasifataniifi yeroo hedduus muummicha qeequun beekaman ta’uun isaanii ni beekama.

Hayyootni kunniin namoota guyyaa har’aa ifatti bayuun wonti Keelloo Miidiyaan uumee gad lakkise soba ta’uu hubachuusaanii ibsuun waan dalagame qeequun dabalatatti miidiyichi dhiifama akka gaafatu waamicha dhiyeessaniiru.

Namootni biyya keessaa muummicha qeequun beekaman hedduunis waan Keelloo Miidiyaan kalaqee gad lakkise kana” summii namootni hinaaffaa fi jibbaan machaayan uumanii muummicha fudhatama dhabsiisuuf uummatatti gad lakkisanii garuu immoo battalumatti fashalaaye “,jechuun ibsaniiru.

Namootni dhimmicha irratti yaada isaanii Yeroo Miidiyaaf kennanis dubbiin kun kanaan duras maqaan gaariin Muummichaa soba namootni uumaniin hangam tokko akka guraachachaa ture kan akeeku ta’uu dubbataniiru.

Taammiraat Dabalaa,barsiisaa barnoota lammummaafi miseensa paartii morkataa tokkooti.Taammiraat yaada Yeroo Miidiyaaf kenneen,”dubbii sobaa Miidiyaan maqaa Oromoo moggaafate haata’u jedhee uumee ummatatti gad-lakkiseen akka Oromoo tokkootti hedduun gadde,nan saalfadhes “jedheera.

Barsiisaa Taammiraat,mammaksa,”karaan sobaan darban gala nama saalfachiisa jedhu mammaakuun namootni dubbii sobaa irraa akka fagaatanis dhaamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *