Istuudiyoon Dimtsi Woyyaanee Maqaletti argamu toowatame

Finfinnee (Yeroo) Sadaasa,26/2013

Raayyaan ittisa biyyaafi Poolisiin federaalaa istuudiyoo Dimtsi Woyyaanee Maqaletti argamu toowachuun isaanii ibsame.

Istuudiyoon Raadiyoofi Tv toowannaa raayyaafi poolisii jala oolfame kun tamsaasa oduu dharaafi poropagaandaa ABUTf oolfamaa kan ture akka ta’es gabaafameera.

Istuudiyichi yeroo ammaa guutumaan guututti toowannaa raayyaafi poolisii federaalaa jalatti kan argamu yoota’ellee garee ABUTn miidhaan sadarkaa garaa garaan ibsamu irra gahee akka jiru gabaasni OBN fi FBC irraa argannee ni mul’isa.

Magaalaan guddittiin Naannoo Tigraay Maqaleen Sanbata darbe toowatamuu ishii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *