Adeemsi Muummicha Ministiraa ummatni Oromoo akka arrabsamuuf karaa baneera-Dhalattoota Oromoo

Finfinnee Ebla,13,2013( Yeroo )-

Dhaadannoowwan arrabsoo fi tuffii guyyaa kaleessaa hiriira naannoo Amaaraarratti dhageessifamaniif sababaan ijoon ejjannoo dhabuu Muummicha Ministiraa Dr Abiyyi Ahmad ta’uu dhalattootni Oromoo Magaala Finfinnee keessa jiraatan Yeroo Miidiyatti himaniiru.

Yaada kennitoonni kunniin akka jedhanitti ummatni Oromoo bara bulchiinsa TPLF caalaa bara bulchiinsa Abiyyi keessa worreen sirna moofaa deebisanii dhaabuu barbaadaniin tuffatameera,addabaabayittis arrabsamaa jira.

Kanaafis sababaan ijoon ejjannoo dhabiinsaa fi adeemsa dogongoraa Muummicha Ministiraati jedhaniiru.

Adeemsi jarreen kanaa jal-qabarratti hooggansaa fi uummata Oromoo addaan kutuu fi dhumarrattis hooggansaa fi ummatas kophaa kophatti rukutuu ture kan jedhan yaada kennitoonni keenya,kunis qabatamaan mul’ateera jedhaniiru.

Worreen sirna moofaa fi tortoraa olaantummaa saba tokkoo deebisuuf wixxifatan kunniin woggoota shantama booda deebi’anii akka wixxifataniif onnee kan isaaniitti hore Muummicha Ministiraa Dr Abiyyi Ahmad mataasaanii akka ta’e yaada kennitoonni kunnin shakkii malee dubbataniiru.

Uummata Oromoo fi Oromummaa addabaabaatti arrabsuu bira darbanii Muummicha Ministiraas shororkeessummaan yakkuuf yaaluun hammeenyummaa finxaleeyyii kanniinii ifattit kan mul’isu akka ta’es himameera.

Ummatni Oromoo fi sabaafi sab-lammootni woggoota shantamaa asi lelistoota sirna fiiwudaaliitiin addabaabayitti arrabsamaa jiraachuun kun woliin jireenyaa ummata Amaaraa fi ummattoota Itoophiyaa sadarkaa fayyuu hin dandeenyeen miidhuu akka danda’us namootni dubbifne shakkii isaanii ibsaniiru.

Ummatni Oromoo yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa isaa cimsachuun adeemsa lelistoota sirna fiiwudaalii kanneen fuundura dhaabbachuun fashalsuu akka qabu dhaamameera.

Muummichi Ministiraas ta’ee hooggantoonni caasaa siyaasaa Oromoo hundis jarreen kunniin eenyuufuu kan hin tollee fi faallaa adeemsa siyaasa hammayyaa ta’uusaanii hubachuun garaa garummaa qaban ilaaf ilaameen furatanii yeroo xumuraaf adeemsa hamaa dhaadhesitoota sirna fiiwudaalii kanniin fashalsuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Dhimma kana irratti ejjannoon mootummaa Naannoo Oromiyaa maali jennee kan gaafanne itti-gaafatamaan Sab-qunnamtii Waajjira Paartii Badhaadhina Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aas dhaadannoowwan hiriiricharratti dhagahamaniin mootummaa fi ummatni Naannoo Oromiyaa hedduu mufachuu dubbatanii,kanas kan raawwate finxalleeyyii Sosochii Biyyaalessa Amaaraati jedhaniiru.

Kaayyoon isaaniis ummata Oromoo fi ummata Amaaraa woggoota dheeraaf woliin turan wolitti buusuun karaa qaxxaamuraan angoo mootummaa qabachuu akka ta’e dubbatanii,Yoo kana gochuu dadhaban immoo biyyattii bittaneessuun abjuu diinota ishii dhugoomsuu ta’uu eeraniiru.

Jarreen kun ni wixxifatu malee homaa fiduu hin danda’an kan jedhan Obbo Taayyeen ummatni Oromoo miira keessa odoo hin seenin yeroo kamiyyuu caalaa dhalattoota Amaaraa fi qabeenya isaaniis tiksuun kaayyoo finxalleeyyii sirna moofaa kanniinii fashaleessuu akka qabu hubachiisaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *