Fiigichi Irreechaa Hora Finfinnee Yeroo jalqabaaif gaggeeffame

(Yeroo – Fulbaana 11/2011)-Fiigichi Hora Finfinnee Yeroo jalqabaaf gaggeeffamun xumuramee jira.Fiigicha kanarratti namoonni kuma shantamaa oli kan hirmaatan yoo ta’u atleetoonnifi namoonni babbeekkamoo hirmaatanii jiru.Irreechi bu’urri tokkumaafi nageenya ta’e jalabultiisaatin fiigicha gaggeeffame kanarratti sabaafi sablammoonni garaa garaas hirmaatanii jiru.


Fiigicha kana kan moo’atan dhiiraan
1ffaa Barihun Arraagaaw koonistraakshinii suurirraa
2ffaa Hayilamaariyaam kiroos Humna Ibsaarraa
3ffaa Dajanee Dabalaa Hojiiwwan Ijaarsa bishaanii Oromiyaarraa bahaniiru.
Dubartootaan ammoo
1ffaa Obsee Abdataa Lagaxaafoo Lagadaadhirraa
2ffaa Mastaawot Fiqree
3ffaa Anchiyaalam Hayimaanot Yuunivarsitii Dabrabirahaanirraa bahaniiru.
Atleetoonni 1ffaa hanga 3ffaa bahan kanneen Maallaqaa 50’000;30;000 fi 20’000 duraaduubaan akkasumas waraqaan ragaa fi waancaa badhaafamaniiru.
BDHKMNO tu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *