Woraanni Eertiiriyaa tokkollee Oromiyaa keessa hin jiru-qondaaltota M/N/Oromiyaa

Finfinnee,Waxabajjii 02/2013 ( Yeroo  )

Dubbiin woraanni Eertiiriyaa Naannoo Oromiyaa keessa sosocho’aa jira jechuun miidiyaaleen tokko tokko odeessaa jiran soba ta’uu qondaalli olaanaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshiinii naannichaa maqaan isaanii akka hin dhayamne barbaadan natti himaniiru.

“Qaamotni Yeroo Woraanni Eertiiriyaa inni Tigraay keessa ture naannicha gad lakkisuun bayaa jiru kanatti dubbii akkanaa uumanii odeessan kaayyoon isaanii ummata burjaajessuudha”,kan jedhan qondaaltichi,haala amma jiruun nageenya naannichaa eegsisuuf poolisiin Oromiyaa gahaadha jedhaniiru.

Qondaaltotni Komishiinii Poolisii Oromiyaa irraa yaada isaanii gaafadhes,wonti akkanaa gonkumaa akka hin jirre dubbataniiru.

Kana duras ololli humni addaa Naannoo Amaaraa Naannoo Oromiyaa keessa sosocho’aa jira jedhu deemaa turuu kan yaadachiisan qondaaltotni kunniin,”nageenya Oromiyaa eeguuf poolisiin Oromiyaa kophaasaatti gahaa ta’uu hubachiisaniiru.

“Rakkoon nageenyaa bakka tokko tokkotti mudachuu ni danda’a garuu ammoo humna poolisii naannichaan ala kan ta’uu miti,kanaaf gabaabamatti dubbichi haata’u jedhamee kan odeeffamedha “,jedhaniiru,qondaaltotni Komishiinichaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *