Godina Baalee aanaa Madda Walaabuutti hambaan holqaa haaraa argame

Godina Baalee aanaa Madda Walaabuutti hambaan holqaa haaraa argame.

Holqichi aanaa Madda Walaabuu ganda Liqimsaa Bokoree; iddoo addaa Haroo Wacaraa jedhamutti argama.

Holqa moggaasa “Mana Waaqaa” jedhamuun beekamu kana qorannaan kan argate Waajjira Aadaa fi Tuuriizimii Aanaa Madda Walaabuuti.

Waajjira Dhimmoota Koomunikeeshinii Aanaa Madda Walaabuurraa akka odeeffannetti holqichi seensa yookin balbala 47 qaba.

Holqi kun bara durii keessa nama maqaan isaa Muudee Galchuu jedhamuun sirni waaqeffaanaan itti gaggeeffamu ture.

Akka maanguddoonni jedhanitti holqichi “Mana Waaqaa” kan jedhame sababuma kanaan ture.

Holqi “Mana Waaqaa” balbala 47 kan tarree galan kan qabu yoo ta’u, kana keessaa isa tokkorratti daawwiin ogeessa goda hambaa Waajjira Aadaa fi Tuuriizimii Madda Walaabuu obbo Haaydaraa Ibraahimiin duurfame gaggeeffameera.

Daawwii taasifameen bocawwan Odaa, galma bal’aa, waancaa, mucha saawwanii fi guntuta dubartootaa fakkaatu hedduun argameera.

Bocni muchaa fi guntuta shamarranii halluuwwan magariisa, adii fi diimaa kan qabanidha.

Copha imimmaanii fakkaatu dhimmisu.

Keessi holqa kanaa hangam akka fagaatuu imalli sa’aatii 3 taasifamus, dukkana holqichaa irraa kan ka’e xumura isaa ga’uun hin danda’amne.

Keessi holqichaa karaa hedduu kan qabuudha.

Bakki holqi kun itti argamu bosona uumamaan kan uwwifamee fi kan nama hawwatuudha.

Ogeessichi akka jedhanitti qorannoon amma gaggeeffame kan argannooti.

Kana booda garuu bal’inaan kan itti deemamu ta’uu ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *