Seenaatar Jiim Inhoofee gara Ityoophiyaa dhufan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 ( Yeroo )- 

Seenaatarri Ameerikaa beekamaan- Jiim Inhoofeen,namni qoqqobbii viizaa mootummaan Ameerikaa qondaaltota Itoophiyaa irra kaaye ifatti morman amma Itoophiyaa,magaala Finfinneetti argamu.

Ameerikaan torbaan tokko dura qondaaltota mootummaa federaalaa,qondaaltota damee nageenyaa Mootummaa Naannoo Amaaraa fi qondaaltota TPLF yakkaan shakkaman irratti qoqqobbii viizaa kaayuun ishii ni yaadatama.

Haata’uutii malee qoqqobbiin kun sirrii akka hin taaneefi mootummoota biyyoota lachaniiyyuu kan hin fayyaadne ta’uu himuun mootummaan Itoophiyaa ibsa baasuun dabalatatti lammiileen Itoophiyaa biyya keessaafi biyyoota alaa garaa garaatti argamanis addabaabaayitti bayuun murticha mormaniiru.

Qoqqobbii Ameerikaan qondaaltota Itoophiyaa irra keesse kana Itoophiyaanota qofa odoo hin taane lammiileefi qondaaltotni biyyoota garaa garaas mormuun Itoophiyaa cinaa akka dhaabbatan ibsaniiru.

Fakkeenyaaf Chaayinaan,Raashiyaan,Turkii fi Indiyaan biyyoota giddu-seentummaa Ameerikaa mormuun Itoophiyaa cinaa akka dhaabbatan mirkaneessan keessaa garii isaaniiti.

Tarkaanfiin Ameerikaa kun dogongora ta’uu Seenaatarri Ameerikaa beekamaan Seenaatar Jiim Inhoofeenis guyyoota muraasa dura ifatti mormuun isaanii ni yaadatama.

Seenaatarichi dubbii Seerneetii Ameerikaa duratti dhiyaachuun dhageessisaniin Dr Abiyyi Ahmad Itoophiyaa gara demokiraasii dhugaatti geessuuf hedduu xaaruufi bu’aalee qabatamaa argamsiisuu isaanii kaasanii turan.

Gaga’ama Naannoo Tigraayitti uumameefis guutumaan guututti kan itti gaafatamuu qabu humna TPLF ta’uu jala muranii dubbatanii turan -Seenaatarichi.

Yeroon kun yeroo carraaqqiin mootummaan Itoophiyaa gama hundaan taasisaa jiru deeggaramuu itti qabu malee yeroo qoqqoobbiin irra kaayamuu miti jechuun tarkaanfii mootummaa isaanii fudhatama dhabsiisuun isaaniis ni yaadatama.

Namni yeroo rakkoo kanatti Itoophiyaa bira dhaabbatan -Seenaatar Jiim Inhoofeen,gara Itoophiyatti dhufanii amma Finfinnee jiru.

Muummeen Ministiraa Doktar Abiy Ahimadis ergaa karaa fuula Feesbuuka isaaniitiin dabarsaniin ,”Michuu Ityoophiyaanotaa kan taatan Seenaatar Jiim Inhoofee,baga nagaan gara biyya keessan lammaaffaatti dhuftan “jedhaniiru.

Dooktar Abiy Ahimadii fi Seenaatar Jiim Inhoofeen dhimmoota garaa garaarratti  ni mari’atu jedhamee eegama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *