Guyyaan Filannoo Marsaa 6ffaaf Sagaleen itti kennamu dheerate

 Finfinnee, Caamsaa 7, 2013 (Yeroo )-

Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaan geggeessuuf jettuuf Naannoleef Caamsaan 28 ,Magaala Finfinnee fi Magaala Dirree-Dhawaaf immoo Waxabajjiin 5 guyyaa sagaleen itti kennamu akka ta’u murtaa’ee hojjatamaa turuun ni beekama.

Haata’uutii malee,Boordiin Filannoo Biyyoolessaa sababaalee garaa garaa eeruun guyyaan sagaleen filattootaa itti kennamu dheerachuu ifoomseera.

Ammaaf guyyaan sirriin sagaleen itti laatamu yoo hin ifoomnees yeroo torbaan sadii gad hin taaneef dheereffamuu akka danda’u garuu Walitti-qabduun boordichaa Birtukaan Midhaaksaa waltajjii marii Paartilee siyaasaa irratti dubbataniiru.

Maxxansa woaqaa sagaleen irratti kennamuutiif yeroon dabalataa barbaachisaa ta’uuniifi galmee filattootaatiif yeroon dabalataa laatamuun   dheerachuu guyyaa sagaleen itti laatamuutiif sababaalee ijoo akka ta’an himameera.

Filannichi magaaloota Finfinnee fi Dirree Dhawaa dabalatee kutaa biyyattii hundaatti guyyaa tokko akka gaggeeffamus murtaa’eera.

Filannoo Biyyaalessaa bara kanaa irratti hirmaachuuf lammiileen miliyoona 50 ta’an kaardii filannoo ni fudhatu jedhamee tilmaamamee yoo tures haga Caamsaa 4/2013tti garuu lammiilee miliyoona 36 fi kuma 245 fi 444 qofatu kaardicha fudhatan jedhameera.Kunis %78 jechuudha.

Guyyaan sirriin filannoon itti gaggeeffamu fuula duratti akka ifoomu himameera.

Guyyaan filannoo dheerachuun kun maali agarsiisa jennee kan gaafanne ogeessi Saayinsii Siyaasaa Tamaam Badhaasoo,” Dhiibbaan sababa filanicha keessaa bahuu/baafamuu Paartilee Siyaasaa Oromootiin biyya keessaafi alaan mootummaa irratti taasifamaa jiru hangam jabaa akka ta’e agarsiisa “,naan jedhaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *