Doktarri kabajaa Abbabech Goobanaa boqatan

 Finfinnee, Waxabajjii 27/2013 ( Yeroo )

Haati hiyyeessaa,haati ijoollee maatii hin qabnee ,mother Teresa of Africa jedhamuun kan beekaman Dr kabajaa Abbabech Goobanaa har’a ganama boqachuusaanii Waldaa Kunuunsa daa’immanii fi Misoomaa Abbabech Goobanaa irraa odeeffaanneera.

Haati ijoollee kumaatamaa Abbabech Goobanaa torbaanota dura COVID-19n qabamanii Hospitaala Qidduus Phaawuloositti yalamaa turuun isaanii ni yaadatama.

Hawaasni hospitaalichaa akka isaan fayyaniif yaalii mara taasisaa yoo tures,lammii Itoophiyaa hunda biratti qixa kan jaalatamanii fi kabajaman Abbabech Goobanaa har’a ganama umriisaanii 85tti boqataniiru.

Boqachuu isaanii hordofee qondaaltota biyaattii olaanoo dabalatee namootni bebbeekamoo fi lammiileen hojii gaarii isaanii quba qaban hundi karaa garaa garaatiin gaddasaanii ibsachuurratti argamu.

Ministirri Ministeera Nageenyaa adde Mufariyaat Kaamiil ergaa gaddaa karaa fuula feesbuuka isaaniitiin dabarsaniin 

“Haadha fakkeenya gaarummaa ta’aniifi onnee Itoophiyaaanotaa keessa umrii guutuu jiraatan dhabuun gaddisiisaa dha.Hojiin keessan baraa baratti ce’aa jiraata.Haadha koo lubbuun teessan nagayaan haaboqattu”,jedhaniiru.

Daayirektar Generaalli Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Tewodiroos Adhaanom gama isaaniitiin,”boqachuu Mother Teresa Afrikaa,Dr Abbabech Goobanaatiin onneen too na cabdeerti.Fayyaa daa’immanii fooyyessuu fi HIV/AIDS qolachuuf isaan waliin hojjachuu koof gammachuutu natti dhagahama.Isaan dhabuun miidhaa guddaadha.Hojii gaarii gaafa lubbuun jiran hojjatan dagachuu hin qabnu”jechuun gadda hamaa isaanitti dhagame ibsataniiru.

Yeroo Miidiyaanis boqachuu haadha lammiilee kumaatamaa -Doktara kabajaa Abbabech Goobanaatiin hedduu gadduu ibsaa ijoollee isaanii fi ummata biyyaa hunddaaf jajjabina hawwiti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *