Haleellaan qilleensaa Maqaleetti raawwatamee

Onkololleesa 10: Yeroo Finfinne

Haleellaan qilleensaa guyyaa Roobii ganama Magaalaa Maqaleetti raawwachuu gabaasaaleen mul’isan. Televijiniin Tigraay kan aarri magaalaa keessaa yoo ol ba’u fagoodhaa mul’iseera.

Haleellaan kun naannoo Masfin Industiryaal Injinaringiifi naannoo buufata konkolaataa duriitti dhaqqaberaa jedhameera. Dubbii himaan ABBUT Getaachoo Raddaa namoonni miidhamuufi qabeenyi manca’uu Tiwiitara irratti barreessaniiru.

Ethiopia Current Issues Fact Check garuu haleellaa kana ilaalchisuun tiwiitara irratti oddefaannoo baaseen, “akka jedhamu osoo hin taane haleellaan xiyyaaraa Humni Ittisa Biyyaa (ENDF) bakkewwan ABBUT meeshaa waraanaa itti omishuufi suphaturratti kan xiyyeeffatedha jedheera. “Oppereeshiniin Humni ittisaa biyyaa bakkeewwan kuusaaleen meeshaa waraanaa gurguddoo seeraan alaa filatamoo barbadeessuu kan kaayyeeffatedha.”

Haleellaan kun torban kana keessa yoo raawwatu yeroo lammataafi.  Mootummaan Itoophiyaa haleellaan Wiixataa ‘bu’uuraalee kominikeeshinii’ ABBUT itti fayadammu irratti  akka xiyyeeffateefi lubbuun namaa akka hin dabarre of eeggannoo akka godhee himera. Isa Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii maddeen mana yaalaa eeruun namoonni sadii du’uu dubbateerratti garuu gama mootummaa wanti jedhamu hin jiru.

Lola Kaaba Itoophiyaa Maqaleetti waggaa darbe ABBUT Ajaaja humna ittisa biyyaa Kaabaa Itoophiyaa haleeluu booda jalqabe gara Naannoo Affaariifi Amaaraatti babal’ateera. Dhaabbileen idil-addunyaafi biyyoonni gurguddoo lolli dhaabatee nagaan akka hiikamu carraaqqii taasisan hin miilkofnee.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *