Ameerikaan hiirmatoota waraana Tigraay qoqqobuuf

Fuulbaanna 6 – Yeroo Finfinne

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan waraana Tigraayiin wal qabatee qoqqobbii haarawa Itoophiyaa, Eertiraa, ABBUT fi Mootummaa Naannoo Amaaraa irratti qiyyaafate kaa’uuf ajaja dabarsan.

“Qoqqobbiin kun kanneen waraanni Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru akka itti fufu gaafatamoo ta’an ykn qooda qaban, gargaarsa namoomaa kanneen ugguran fi kanneen dhukaasni akka hin dhaabbanne dhorkaa jiran irratti akka qiyyaafannu nu taasisa” jedhan Joo Baayidan.

Qoqqobbiin kun uummata Itoophiyaa ykn Eertiraa irratti osoo hin taane, namoota dhuunfaa ykn qaamolee hokkora oofaa jiranii fi rakkoo namoomaa hammeessaa jiran irratti kan qiyyaafatedha jedhan pireezidant Baayidan.

Namoonni qoqqobbiin kun irra kaa’amu eenyu akka ta’anii fi qoqqobiin irra kaa’amus maal akka ta’e ibsi Joo Baayidan kun ifatti hin himne.

Mootummaan Itoophiyaas ta’e Eertiraa akkasumas naannoo Tigraay kan harkaa qabu ABUT/TPLF dhimma kanarratti amma dura homaa hin jenne.

Murteen Joo Baayidan kun kan dhagaahame waldaaleen dargaggootaa mootummaa Itoophiyaan hidhata qaban ‘US dhiibbaa Itoophiyaarratti gootu’ akka dhaabdu gaafachuuf xalaayaa dargaggoonni miiliyoona shan irratti mallatteesan Waayit Haawusitti erguuf yeroo qophaa’aa jiranitti.

Mootummaan Ameerikaa qooqobii kana dabarsuuf yaduu isaa ilaalchisee miinistarii muummee Itoophiyaa Abiiy Ahiimaad xalayya piirezdaantti Joo baayidaniif ergaaniiru. Ergaa xalayyaa ergaaniin akkaa jedhaaniin biyyii isaani hidhaatoota ABBUT fi haleelaawaan garee kanaan rawaatamaan mormuu dhabu isaanittin itti gaaduus darbaani, dhimaamu isaani miirgootaa namoomaa akkaa hin raawanee argisiisaa jedhaaniruu.

Waraanni Sadaasa bara 2021 naannoo Tigraay keessatti eegalee, baatilee muraasa darban naannolee ollaa Affaar fi Amaaraa keessatti babal’ate namootni kumaatamni lubbuu akka dhaban, miliyoonaan kan lakkaa’aman ammoo qe’eerraa akka buqqa’an sababa ta’eera.

Maddi: BBC FI Waajira miinistaara muumme Itoophiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *