Ayyaanni Iidal-Fixrii Finfinneetti nagayaan kabajamee ooleera

Finfinnee,Caamsaa 05/2013 ( Yeroo  )

Ayyaanni Iidal-Fixrii bara kanaa Magaalaa Finfinneetti karaa nagayaa fi haala miidhagaan kabajamee ooleera.

Ayyaanichi nagayaan kabajamuun madditti yeroo kamiyyuu caalaa kan tokkummaa fi jaalalli biyyaas irratti calaqqise ta’uu Dhaadannoowwan dhageessisamaniifi qabatamanii addabaabaayitti bayaman irraa hubanneerra.

Hawaasni Musliimaa salaata Iidaatiif isteediyeemii Finfinneetti baye dhiibbaa biyyootni lixaatiif Igipti akkanumas Suudaan Itoophiyaa irratti raawwataa jiran sagalee tokkoon kan morman yoo ta’u Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa ijaarsi isaa xumuramee kaayyoo barbaadameef akka oolu tumsa barbaachisu cimsanii kan itti fufan ta’uus dubbataniiru.

Yeroo Miidiyaanis hordoftoota amantaa Musliimaa hundaan baga geessan,Ayyaana Gaarii,Iidi Mubaarak jetti!!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *