Manni Maree Ministirootaa TPLF fi Shaneen shororkeessummaan akka moggaafamaniif yaada murtoo dabarse

Finfinnee, Eebila 23, 2013 (Yeroo )

Manni Maree Ministirootaa Itoophiyaa Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay TPLF fi Shaneen shororkeessummaan akka moggaafamaniif yaada murtoo dabarseera.

Manni Marichaa ibsa baaseen dhaabbileen kunniin lamaan jijjiirama gaafii dimokiraasii fi mirgaa uummatni Itoophiyaa kaaseen dhufe fudhachuu diduun guutuu biyyattiitti ummata nagaarratti  badii geessissaa turuu yaadachiisee ,”Sababa kanaanis namoonni hedduun lubbuu dhabaniiru, miidhama qaamaatiif saaxilamaniiru, qabeenyi  isaaniis barbadaa’eera, buqqaatiifis saaxilamaniiru”,jechuun komateera.

Gochoonni kunneen uummatni tasgabbaa’ee akka hin jiraanneefi mootummaarraa amantaa akka dhabu taasisuun dabalatatti , hawaasni walii walii isaa akka shakkuus godhuu ibsichi ni kaasa.

Kunis hojii itti yaadamee biyyaafi mootummaa laaffisuuf hojjetamaa ture akka tahe ragaaleen ni mul’isu jedha ibsi Mana Maree Ministirootaa.

Dhaabbileen lamaan ilaalcha siyaasaa akka ka’uumsatti qabachuun ummata nagaa ajjeesaa, qabeenyaafi bu’uuraalee misoomaarratti miidhaa raawwataa turaniiru jechuunis ni komata ibsi kun.

Badiiwwan gahaa turan duuba tumsi maallaqaa, karooraa,yaadaafi humna namaa leenji’eefi karaa midiyaan deeggaramuu akka jirus ibsichi kaaseera.

Gochaawwan dhaabbileen kunniin raawwataa turan hiika bu’uura labsii yakka shoroorkaa too’achuufi ittisuuf bahee 1176//2012 keeyyata 3 jalatti kaa’ame akka guutanis ibsi mana marichaa akeekeera.

Yaadni murtoo kun dhaabbileefi namoota dhuunfaa gareewwan kanneen waliin hidhata qaban irrattis hojii irra ni oola jedha ibsi Mana Maree Ministirootaa kun.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *