Walii Galtee Biyyaalessaarraa Baqachuun rakkoo Biyyattii Wal-Xaxaa Taasisaa Jira- KFO

Finfinnee,Ebla,21/2013 ( Yeroo )

Kongiresiin Federaalawaa Oromoo (KFOn ) Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa kennee jira.

Walii galtee biyyaalessaaf xiyyeeffannoon akka laatamu cimsee kan gaafate ibsi kun, “ KFOn dhiibbaa Paartii taayitaarra jiruutiin morkii filannoo keechaa ba’ullee, humnaan Filannoo raawwachiisuuf fiffiiguurra, Walii Galteen Biyyaalessaa dursee uumamuun filannoo keenya ta’uu jabeessinee gorsina”,jedheera.

Kutaaleen biyyattii tokko tokko nageenyi dhabamuu irraa kan ka’een komaand postiidhaan bulaa akka jiraniifi haala kana keessattis lammiilee irra miidhaan gahaa jiraachuu kan eere ibsi kun, “lammiileen too’annoo seeraa jala jiran murtii tokkoon maletti mana hidhaatii baafamanii ajjeefamaa jiru” jechuunis komateera.

Sababa rakkoo bulchiinsa gaarii Finfinnee dabalatee magaalota biyyattii tokko tokko keessatti mul’atuun lammiileen tajaajila bu’uuraa argachuu qaban haala ga’aa ta’een argachaa akka hin jirreefi kanfaltii humnaa olii gaafatamaa jiraachuus ibsi Koongiresichi haala yeroo irratti baase kun ni mul’isa.

Dhaadannoowwan Oromummaa abaaraniifi tibba darbe hiriira Magaalota Naannoo Amaaraa tokko tokko keessatti caqasaman kan qeeqe ibsi KFO kun,rakkoolee nageenyaa Naannolee biyyattii garaa garaa keessatti uumamaa jiranis kaasuun rakkooleen kunniin odoo hin furamne gara filannoo fiiguun rakkoo babal’isuudhas jedheera.

Biyyattii keessa rakkoon nageenyaa jiraachuufi qunnamtiin biyyoota ollaa ,biyyoota gargaarsa laatanii fi biyyoota liqeessan waliin jiru badaa dhufuu kan eeru ibsi KFO, “Walii Galtee Biyyaalessaarraa baqachuun Mootummaa, balaa kanaa oliitiif saaxilurraa kan hafe faayidaa waan qabu nutti hinfakkaatu.Kanaafuu, Mootummaafi Paartiin Taayitaarra jiru,Filannoo gaggeessuuf saffisuu dhiisanii ‘Waltajjii Dhiifamaafi Walii Galtee Biyyaalessaa’ akka mijeessan gaafateera.

Biyyattiin ‘Gaaga’ama Siyaasaa’ ishii mudate keessaa akka baatuuf Ummatni Itoophiyaa, Humnoonni Diimokraasii biyyattiifi Hawaasni Addunyaa ga’ee isaanii akka ba’atanis KFOn ibsasaa kanaan waamicha dhiyeesseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *