Barreessaan ol-aanaa UN Antooniyoo Guutereez Itoophiyaatti nagaan akka bu’uuf dhukaasni atattamaan dhaabbatee waldhabdeen jiru marii siyaasaan akka furamuuf waamicha goshaan

Hagayya 14, Yeroo Finfinnee

Guutereez haalli gargaarsa namoomaa Itoophiyaa keessa jiru hamaatta akka dhufe ibsuun, dhiyeessiin deeggarsa namoomaa danqamuu akka hin qabneefi tajaajilli uummataa irra deebiin jalqabuu akka qabu gaafatan.

Barreessaa ol-aanaan UN Antooniyoo Guutereez, furmaatni akka dhufuuf mariin siyaasaa lammiilee Itoophiyaan durfamu gaggeeffamuu akka qabu himuun, haalli kanaaf mijataa ta’ee uumamuu akka qabus dhaamaniiru.

Guutireez viidiyoo fuula Tiwiiterii isaanii irratti maxxansan irratti kan dubbatan yoo tahu, kana duras waraannichi dhaabbachuun lammiilee nagaan deeggarsa barbaadan akka argataniif karran saaqamuu akka qabu waamicha godhaa turan.

Mariin siyaasaa kun sababoota wal dhabdichaa kan adda baasuuf hiiku akka tahus dhaaman. UN, dhaabbilee biroo akka Gamtaa Afrikaafi dhaabbilee gargaarsaa idil-adunyaa biroo waliin tahuun lammiilee Itoophiyaa deeggaruuf akka hojjettus himaniiru.

Dhiyeenya haleellaa namoota nagaa sababa waraanaan naannoo Affaar bakka Gaalikoomaa jehamutti qe’ee isaaniirraa baqatanii dahoo keessa tursiifaman irratti raawwateen ijoollee 100 ol dabalatee walumaagala namootni 200 ol ajjeefamaniiru.

Mootummaan Federaalaa hidhaatonni ABBUT haleellicha akka raawwatan hima. Dubbii himaan ABBUT Geetaachoo Raddaa garuu haleellicha akka hin raawwanne himuun qaama walabaan qorannoon akka gaggeeffamu jedhu. UNICEF dabalatee dhaabbileen gargaarsa godhan idil-audnyaa biroo haleellichaan guddoo yaaddahuu himan.

Mootummaan Federaalaa gar-tokkeen dhukaasa dhaabuu erga labsee naannoo Tigraay keessaa humna isaa erga baaseen booda humnootni ABBUT ammoo naannoo Tigiraay to’annoo isaanii jala galfataniiru. Finciltoonni ABBUT dhukaasa kan dhaabanis ulaagaa isaan tarreessan mootummaan Itoophiyaa yoo guuteef akka tahe qofa akka ta’e himuun, waraana itti fufanii jiru.

Waraanni hidhaattotaa ABBUT fi mootummaa Federaalaa Itoophiyaatti erga jalqabe amma ji’ootni sagal darbaniiru. Waraanichi gara naannoolee ollaa jiran akka Affaariifi Amaaraattis babbal’achuun itti fufee jira.

Maddi: BBC fi António Guterres/Twitter

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *