Dr.Muluu Naggaa aangoorraa kaafaman

Finfinnee, Eebila 27, 2013 (Yeroo ) –

Ji’oota jahan darbaniif Hoj-geggeessaa Olaanaa Naannoo Tigraay kan turan Dr Muluu Naggaa itti gaafatamummaa irraa kaafamuun bakka isaaniitti Doktora Abraham Balaay hojii gaggeessaa olaanaa Bulchiinsa Yeroo Naannichaa ta’uun mudamuun himame 

Doktora Abraham Balaay hojii gaggeessaa olaanaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta’uun mudamuu isaanii fuula feesbooka itti-gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina Naannoo Tigraay Obbo Haftaay G/Igzi’abiheer irraa hubanneerra.

Qondaalli naannichaa  dhimmichaa ilaalchisuun dubbifnes muudamni Dr Balaay dhugaa ta’uu nuu mirkaneessaniiru.

Hoji-geggeessaa Bulchiinsa Yeroo Naannichaa kan turan Dr Muluu Naggaa naannicha sadarkaa barbaadamuun tasgabeessuu fi ejjannoo dhaabbataa qabaachuu irratti hanqinna agarsiisaniin qoratamanii bakkichaa kaafamuus qondaalticha irraa hubanneerra.

Dr Muluun tarii gara Federaalaatti deebi’uun muudamuu akka danda’anis qondaaltichi tilmaama isaanii nutti himaniiru.

Pirezidaantii paartii badhaadhina Tigiraay kan ta’an Doktora Abraham yeroo ammaa Ministira lnnoveshinii fi Teekinoloojii ta’uun tajaajiluu irratti argamu.

Dabalataanis, miseensa fi walitti qabaa bordii dhabbilee mootummaa adda addaa ta’uun tajaajila jiru.

Dr Abraaham,qondaaltota Naannoo Tigraay kamiyyuu caalaa Ministira Muummee Dr Abiy Ahmad faanaa hiriyyummaa bara dheeraa fi hariiroo cimaa akka qaban qondaalli naannichaa odeeffannoo nuu kennan dubbataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *