Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa beekkamtii seerummaa TPLF haqe

Finfinnee (Yeroo )Amajjii 10, 2013 —Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa murtoo galmee paartilee siyaasaarratti dabarseen beekkamtii seerummaa TPLF haquu beeksiise.

Boordichi bu’uura labsii filannoo fi paartilee siyaasaa lakkoofsa 1162/2011n paartileen ulaagaa guutuu fi guutuu dhabuu isaanii hordofaa turuu ibseera.

Torbaan lama dura paartilee ulaagaa guutanii fi guutuuf adeemsarra jiran jechuun boordichi addaan baase gabaasuun keenya ni yaadatama.

Paartilee kana dura murtii hin argannee fi dhimmoota gaafatamanirratti deebii laatan ilaalchisees boordichi murtii dabarseera.

Haaluma kanaan TPLF fi Paartii Qinijiit Tokkummaa fi Demookraasiif jedhamuun beekamu dabalatee paartilee ulaagaa hin guutin hafan beekkamtii seerummaa isaanii haquu beeksiseera.

TPLF humnaan jeequmsa kakaasuu irratti hirmaachuu isaa akka mirkaneeffate boordichi himeera.

Haaluma kanaan,Paarticha galmee paartilee siyaasaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaaf hirmaatan keessaa haquus boordichi hubachiiseera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa paartileen siyaasaa 52 ulaagaalee bu’uuraa guutan filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa irratti hirmaachuuf darbuusaaniis ifoomseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *