Mootummaan hoggantoota TPLF olaanoof harka akka kennatan waamicha taasise

Namootni yakka olaanaa gareen TPLF raawwate keessaatti qooda qabaniifi ajajni qabamuu mana murtii irratti ba’e akkanumas hoggantoonni olaanoon waraanaa fi siyaasaa karaa nagaan dhaabbilee seera kabachiisanitti harka akka laatan mootummaan waamicha dhiyeessuu ibsi Waajjira Ministira Muummee irraa bahe ni mul’isa.

Geggeesitootni kunneen miidhaan dabalataa akka hin geenyee fi dhiigni lammiilee akka hin dhangalaane qoodasaanii akka ba’aan yaadamee waamichi kun dhihaachuus himameera.

Itti dabaluunis mootummaan qaamolee garee TPLFf deeggarsa taasisanii fi da’oo ta’aniif akeekkachiisa dhumaa laateera.

Ibsi Waajjirri Muummee Ministiraa baase TPLF kallattinis ta’e al-kallattiin badii raawwateen nageenya booreessuu, du’aatii fi buqqatii lammiilee akkasumas naannichatti tasgabbiin akka hin jiranneef ammas sababaa ta’uu eereera.

Tattaaffii Mootummaan Federaalaa rakkoo uumamee ture karaa nagaan hiikuuf taasisaa ture akka dadhabbiitti fudhachuun TPLF yakka biyya diiguu raawwachuus himame.

Mootummaan Federaalaa walitti bu’iinsa TPLF qaqqabisiiseen miidhaa namoomaa fi qabeenyaa ga’e deebisee ijaaruu fi dhaabuuf hojjechaa akka jirus ibsi kun akeekeera.

Hoggantoonni olaanoon waraanaa fi siyaasaa TPLF ajaja kana hin fudhanne adabbii cimaa isaan eeggaturraa akka of baraaranii fi lammiileesaanii miidhuurraa akka of qusatan jechuun mootumman waamicha taasisuus ibsameera.

Naannoo Tigraay iddoowwan garaa garaatti ammas woraanni jiraachuu fi rakkoon nageenyaa hamaan jiraachuu dhalattootni naannichaa hedduun Yerootti himanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *